“ Waaqtaanummaa – Waaqefannaa fi
Kiristaanummaan maal waliif ta’u? mata duree jedhuun kitaaba dhiyootti
maxxansiisu irraa kan fudhatame.
“… Ateeteen mallattoo ykn mallattoo aadaa qofaati
yaada jedhu irraa ni darba. Hawaasa Oromoo keessatti dhugummaa hawaasichaatiin
alatti mallattoo waaqefachuus ni qaba.[1] Ateeteen mallattoo firii,
hortee, kabaja haadhummaa ti. Ateetee dubartiin takka kabaja olaantummaa
hafuuraa keessatti kenna fudhatamummaa hortee kan kennituu dha. Humna nageenya waaqummaa dubarti,[2]
ykn ayyaana dubartootaa fi[3]
waggootti yeroo tokko kan kabajamtu yoo ta’u; sababni kabajaas gadaamessaa fi eebba
firii gadaameessaa (goddess of fertility) waaq eebbistu jedhamee ti.[4] Dubartootnis ateeteedhan
waa’e fayyaa fi hortee ni kadhatu.
Waa’ee seen dhufaati Ateetee
Afoollaa Waaqefannaa keessatti akkanatti himama;
“yeroo bara durii keessatti haati warraa fi abbaan warraa osoo waliin jiraachaa jiranuu daa'ima waan hin qabneef yeroo dheraadhaaf abbaan warraa mufannaa fi gaddaan jiraacha ture. Fedhni Daa’ima qabaachuu yeroo yeroo dabalaa deemu irraa kan ka’een haadha warraa isaa osoo hin hiikin niitii biraa fuudhe. Haati warraa duraanis gocha isaa kanaan baayyee gadditee. Guyyoota keessaa gaafa tokko bishaan waraabuuf gara lagaatti buute osoo jirtu, gocha abbaa warraa ishee yaadate. Yerooma sanatti haala of qabu ykn to’achuu hin dandeenyeen gad jettee madda ykn laga qarqara ykn cinaa marga argamu keessaa waa fuute boobaa ishee keessa kaawate akkas jettee kadhate; “yaa uumaa koo rakko kiyya kana ni beekta; akka na gargaartuus hin mamuu ykn hin shakku” jettee gara mana isheetti deemte. Akkuma mana geesees bobaa ishee jalaa wanta ammate ykn qabattee baafte ilaalte. Callee babbareedoo fi marga magaariisaa ta’e argite. Yerooma sanatti namittiin wanta argite kana mangudoo naannoo sanatti jiraataniif ibsiteef. Manguddichis mallattoon kun yeroo rakkoo ishee kanaatti ishee gargaaruudhaaf ayyaana dhufte ta’u erga ibsaniif booda haala kamiin akka keessumeessu qabdu gorsan.
Yeroo sana irraa jalqabee ayyaanni
Ateetee sababa kanaan yaada namaa keessatti callaqisuu akka eegale himama”[5]
jedha.
Guyyaa Ateeteen kabajamtu dubartootni uffata
aadaa callee fi caaccuun miidhagee uffatani, dhugaatii addaa[6]
qopheesuun namoota kabaja ayyaanichaa irratti argaman nyaachisaa fi dhugaasaa ayyaanicha
kabaju.
Akkaataa sirna kanaan calleen kan dhaalamu ykn
dhaaluu kan dandeessu jaarti(haadha warraa) ilma angaftitti yoo taatu;
dubartiin takka dhiira yoo deesees ogguu shan iliil jedhama. Sababiin isaas
callee dhaalchifachuuf sanyii waan argateef.
Gaafa kabaja ayyaana ateetee abbaan warraa
haadha warraa isaa tajaajila adda addaatiin tajaajilaa oola(ni qalaaf, kennaas
ni kennaaf) malee gonkumaa hin ajajuu; isheen ni dhugdi, ni nyaatti, sirritti
miidhagdee Waaqa ofii galateefachaa bashananaa oolti malee eenyullee ishee hin
ajaju. Sirni kun hanga guyyaa shani ittuma fuufa.
Ayyaana ateetee wajjiin walqabatee dubartootni fuudhaaf
heeruma akkuma raawataniin siinqee isaani qabachuun haadha siinqee, haadha
urjii fi haadha nageenyaa jedhamani filamu, muudamuus.
Ateeteen sanyii fi dhaloota kan ebbistu waan
taateef ni kabajamti. Keessattuu gahee ishee namni kennuuf, sirritti nama
keesumeesuuf hortee firii qabu, badhaadhina, fayyaa (faara), dhaltii ni
kenniti. Gahee ishii yoo hanqise, yoo sirritti itti hin amannee isheenis waan
haxxee itti hojjati, inni fi maatiin isaa faara dhabu, horteen horii isaa
dhibeen dhumu, ijooleen isaas ni dhumti jedhamee amanama.
Ateeteen mirga
dubartoota Oromoo kan kabachiiftu waan ta’eef;[7]
moggaafama adda addaa kennameefi jira. Ateetee Gimbii, Ateetee Haaraa fi
Ateetee Duulaa jedhamti. Gimbii jechuun giddaaraa ykn Dahannoo ykn hayyisa
jechuu dha. isheenis namoota dahannoo isheetti amananiif ni eegdi. Haaraa ykn
hora jechuun immoo bishaan horaa jechuu dha. kunis Waaq horaa, waaq Maddaa,
waaq laggeeni ta’u ishee agarsiisa. Ateetee Duulaa (Dullaa) akkuma maqaa
isheetti yeroo waraanaa kan waraantuu fi kan ittistu dha. ateeteen haaraa gara
laaftu dha yoo jedhamtu ateeteen duulaa immoo kan dheekamtu dha jedhama.[8]
Eegaa Namootni
baayy’een kana aadaa dha malee amantaa miti nuun jechaa mormu!
Garuu Macaafni
Qulqulluu akkana jedha;
“Amma immoo Waaqayyo, "Lafti biqila haa
baasu! Dhaabaan akka qomoo isaatti sanyii godhatu mukkeetiin ija kennanii iji
isaanii immoo sanyii of keessaa qaban adduma addaan akka qomoo isaaniitti lafa
irratti haa argaman!" jedhe; innis akkasuma in ta'e.” (Uma. 1:11)
“Lafichi wanta ija godhatu isiniif in laata,
isin hamma quuftanitti nyaattanii, achi keessa nagaatti in jiraattu.” (Lew.
25:19)
"Isin akka seerrata kootti yoo
deddeebitan, abboommii koos yoo eegdan, akka isaattis yoo hojjettan, yommus ani
immoo bokkaa koo yeroo isaatti isiniif nan kenna; lafichi barakata isiniif in
kenna, mukkeetiin bakkees ija in godhatu." (Lew. 26:3-4)
“Waaqayyo gooftaan keessan hojii harka
keessanii hundumaa isiniif in qajeelcha, dhala keessan, horii qe'ee keessanii,
midhaan maasii keessaniis gaarii isiniif in godha; Waaqayyo akkuma abboota
keessanitti gammade akkasuma deebi'ee waan gaarii isiniif gochuutti in
gammada.” (Kes. 30:9)
“Inni lafa irratti bokkaa in roobsa, bakkees bishaan
in obaasa;” (Iyo. 5:10)
“dhugumaan Waaqayyo waan gaarii in kenna, lafti
keenyas midhaan in baasa;” (Far. 85:12)
“Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala
godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha.” (Far. 127:3)
“Haa ta'u iyyuu malee, waaqa irraa bokkaa
isiniif roobsee, ija midhaaniis yeroo isaatti guuttachiise. Soora isiniif
kennee garaa keessanis gammachuudhaan guute; waan gaarii kana hundumaa gochuu
isaatiinis gooftummaa isaa mul'iseera" jedhaniin.” (HoE. 14:17)
“Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa
waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in
baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal'ootaaf in roobsa.” (Mat.
5:45)
Eyyeen!
Waaqayyoo isa Macaafa Qulqulluu tiin of mul'iseetti ni amana. Ameen!
“Ayyaanni
warra gooftaa keenya Yesus Kristosin jaalala hin badneen jaallatan hundumaa
wajjin baa ta'u.” (Efe. 6:24)
[1] Kassam, 1999; Smith, 1989
[2] Religion and social
transformation in Africa: a critical and appreciative perspective, Obaji M
Agbiji & Ignatius Swart, Research Institute for Theology and Religion,
University of South Africa, 2013.
[4] Atete, Goddess of The Oromo People and
her role in Women’s resistance to battering, Max Dashu, 2010.
[5] ኢትዮጵያ ታሪክ ወይስ ተረት፤ fuul.
112-113
[6] Dhugaati beekamoo
keessaa booka(buqqurii) dha.
[7] ድሪባ ገጽ 120፤ Haji Aadaam,
Tamaam. Atete Sirna Addunyaarratti addaa tan mirga Dubartoota Oromoo eegduu fi
eegsiftu. Dirree Dawaa, Khalaf Printing Press. 2011.
[8] ኢትዮጵያ ታሪክ ወይስ ተረት፤ fuul.
112
No comments:
Post a Comment