Friday 27 September 2019

Lallaba gowwummaa (1Qoro. 1:21)

Please read in PDf
  Waaqayyoon ilma namaa cubbuudhaan bade jiru gara qulqullumaa fi qajeelumaatti deebisuuf; ilma isaa tokkicha Goofta Yasuus Kiristoos gara biyya lafaatti ergee jira. Ilmi isaa tokkichaan haalli inni gara biyya lafaatti ittiin dhufe bayyee kan nama haawachisuufi gammachiisu miti. Tasumaa karaan itiin dhufe kabajaa fi jaalatamummaa biyya lafaa barbaadu hundaaf faallaa ta’eti.




  Inni dubree Maariyaam ishee Galiilaa Biyyaa Nazreet keessatti hiyyummadhaan jiraatu irra dhalate. Maatiin irraa dhalatee maati hawwachiisaa miti; iddoon itti dhalatees iddoo ilma namaatiif haawwamuu miti. Dallaya(moonaa) loon iiti bulu keessati dhalate. Kabaja guddaadhaan marfamee; teessuma kabajaa irratti inni taa’u; gara biyya lafaatti gaafa dhufu garuu iddoon isaa moonaa looni ta’e.
  Jireenyi fi deddeebiin biyya lafaa kana irratti deddeebi’a turees bayyee karaa tuffatameefi qeeqamee dha. Gaafa fanno irra cubbuu keenyaa jecha oolu immoo; hanga dhumaatti salphatee. Itti tufamee, ni qeeqan, ni arrabsan, mataa itti raasan, uleen tuman, huccuu irraa mulqan, dhuma irratti akka nama cubbamaa fi abaaramaatti fannisan.
  Inni qulqullu ta’e osoo jiru, cubbuu keenyaa jecha arsaa araaraa ta’e fannifame. Iddo keenya bu’e furii ta’e. karaa salphinaa kun fayyina keenyaaf bu’uura ta’e. karaan fannoo karaa ka’uumsa ilma namaa fi gara mootummaa Waqayyootti darbuuf (fulla’uuf) balbala ta’e.
   Wanti kun Yihoodotaaf gufuu ta’e; Warra Yihuudota hin taaneef ykn warra Girikiif immoo gowwummaa ta’e. salphatee kan du’e kun jireenya bara baraa naaf kenna lallabni jedhu; lallaba gowwumaa ta’e. “ofiifu kan sulphate akkamitti nama fayyisa?” Kan jedhuuf iccitiin Waaqayyoo kana keessatti mul’ate. Fayyuun keenya karaa salphinaa fi daandii xiqqeenyaa kanaan ta’u Wangeelli ifatti labsa.
   Yihuudootni Gooftaan akka mootiitti dhufa osoo jedhanu; inni garuu moonaa looni keessatti mul’ate. Kanaaf isaanif gufuu ta’e. Warri Yihoodootni hin taane immoo Namni qajeelaa fi qulqulluu ta’e kabajaa fi ulfina malee; akkamitti gatiin isaa fanno fi salphina ta’a? jechuun dubbiin kun dubbi gowwumaa itti fakkaate. Eeni wanti kun lallaba gowwumaatiin malee namaafi ykn foon kan uffateef ykn dubbii Hafuuraatiin nama hin hubbaneef kan galuu miti.
  Eegaa lallabni gowwumaa isa kana. Mootichi fanno irratti cubbuu namaatiif gatii ta’e salphinaan fannifamee jira. Gooftaan akka garbichaatti du’aafis abbomamee; fannoo irratti fannifamee jira. Dubbiin kun namoota hedduuf gufuu fi kan ittiin dogogorani dha. Nuuf garuu jireenya bara baraa fi humna Waaqayyotti.
   Amantaan kamiyyuu “Waaqayyoon Guddaa dha!” Kan jedhu gammachudhaan amanee fudhate; garuu Gootaan karaa salphaatiin dhufe nu fayyisee kan jedhu fi kan itti amanuu Amantaa Kiristaanaa qofa dha. Kun nama kamiifuu gufuu dha. Eeni fannoon dhugaa dha. Fannifamuun gooftaa Yasuusis nuuf fayyina fi humana Waaqayooti. Lallaba gowwumaa kanattis ni amana. Maqaan isaa hanga bara baraatti yaa eebbifamu; ameen.


8 comments:

  1. Waaqayyoo yaa si qarqaaru jabaadhu

    ReplyDelete
  2. Dubbi jirenyaa dhagayi

    ReplyDelete
  3. Iyeesuus Goofta dha!

    ReplyDelete
  4. ጎፍታን ሲ ወጂን ያ ተኡ

    ReplyDelete
  5. akkata waqayoo barbaduu qofan.... baye jalladhen

    ReplyDelete
  6. Waaqayyo isini haa eebbiisuu eebbiifamaa dhugaa 💝

    ReplyDelete
  7. Waqayyoo sii n haa eebbisuu eebbiiffama ayyaani goftaa dachaa siif haa dabaluu barumsaa guddaadhaa qaba❤

    ReplyDelete