Saturday 3 April 2021

Maaraanaataa! (1Qoro. 16:22)

Please read in PDF

Jechi “maaraanaataa” jedhu afaan Araamaayik irraa argame; hiikni isaas “yaa Gooftaa! Koottu!” jechuu dha. Kana kan jedhe ergamaa qulqullu kan ta’e Paawloos dha. Kanas kan jedhe kadhannaa isaa keessatti. Ergaa tokkooffaa gara warra Qorontoosiitti barreesse gaafa goolabu ykn xumuru yoo ka’u; dhufaati Kiristoos hawwudhaan ykn bayyee dheeboochuudhaan kan kadhatee dha.



Erga Gooftaan gara samitti ol ba’e mirga abbaa isaatti taa’e; yeroon isaa bayyee gabaabaa dha. Kana jechuun duuka buuttoni dhufaati lammaffaa Gooftaa kan kadhachaa turan akkuma deemen yerooma sanatti jechuu dha. Innumaayyu “kootu!”  qofa osoo hin taane “dafii koottu!” jechaas turan; (Mul. 1:1, 3; 22:10, 12, 17, 20).  

Eegaa yeroo kammiyuu caalaa bara keenya keessatti dhufaati lammaffaa Gooftaa Yasuus bayyee dhiyaate jira jechuu dha. (Maate. 24:32-33). Garuu dhufaatiin isaa akkanatti dhiyaatee; biyyi lafaa garuu cubbuu dabaluudhaan, Macaafa Qulqulluuf abbomamu dhabuudhaan, yaada isaa qofa duukaa bu’uun Waaqayyoon gar gar bahee jiraachaa jira. Garuu dhufaati Gooftaa Yasuus abdii keenya isa guddaa dha. Inni dhufu isaatiin;

1.  Bataskaanni gidiraa irraa ni boqqotti

Bataaskaanni Gooftaatti amanuu isheetiin gidiraa guddaa keessatti dabarti; dabruun ishees dirqama (Maate. 5:11; 24:9-10; Yooha. 15:18; 16;33; H. Erga. 14:22; 2Ximo. 3:12). Keessattu dhuma baricha irratti bataskaani gidiraa guddaa ykn Warroota Gooftaa Yasuusitti duuka bu’an irratti dhufuun isaa dirqama (Daan. 12:1-2; Mul. 3:10). Biyya lafaa kana irratti wanti fedhe yoo raawatamees, gidiraan kamuu, ari’atamuun kammiyyu yoo dhufes garuu Waaqayyoon ilmaan isaatiif karaa ittiin baasu ni qabaata (Naaho. 1:3). Ni baasa, ni miliqisas!

2.  Cubbamtoota adabuuf ni dhufa

Biyyi lafaa kun akkanatti cubbudhaan akka leephameetti, Waaqayyootti akka baacetti, Ilma isaa tokkichaatti akka mataa isaa raasetti hin hafu. Maaraanaataa; Gooftaan ni dhufa. Dhiiga dhangalaasaan, malaanmalaan, warrootni nama saaman, namootni nannummaa fi sabummaan xaxaman, keessattu immoo Waaqayyotti fi Ilma isaa tokkichaati hin amaneetti … cubbamtoota hunda irratti itti faraduuf Gooftaan ni dhufa. Dhumni fi mindaan cubbuu du’a fi firdii bara baraa waan ta’eef Gooftaan keenya ni dhufa. Firdii kanas ni kenna!

Cubbamtoon akkanatti akka finiinanitti, akka boonanitti hin hafan. Gaafa Gooftaan dhufe du’a bara baraa du’u; argama Waqaayyotiis alatti ta’u (Room 6:23; Yaaqo. 1:15).

3.  Ijoolee isaa boqachisuu fi jireenya bara baraa kennuuf ni dhufa;

“Waaqayyo qajeelaa dha; inni warra isin rakkissan ni Rakkisa. Isin warra rakkattaniifis, nuufis boqonnaa ni kenna; kunis yommuu Yesuus Gooftaan ibidda balali'uun maleekkoota isaa human qabeeyyii waliin samii irraa muldhatutti raawwatam.” (2Tasa. 1:6-7)

Paawloosiis ta’e Warrootni Tasaloonqee gidiraan maqaa Gooftaatiin isaan irra gahee jira. Eegaa waliin gidiraa yoo waliin fudhatan gammachuu fi boqonnaa isaas waliin argatu ykn fudhatu jechuu dha. Gooftaan ijoole isaa maqaa isaatiin gidiraa keessa seenanii fi abbomaa isaatiin cimanii dhaabataniif jireenya bara baraa isaan badhaasa (Maate. 25:34). Waldaan bataskaanaa Gidiraa kana obsite dabarsite taanaan; Boqonnaa bara baraa samitti ni argatti.

Abdiin keenya dhufaati lammaffaa Gooftaa keenya qofaa dha. Isa eegu keessatti gidiraa fi rakkina; ari’atamuu kammiyyu ni obsina; sababiin isaas Gooftaan keenya ni dhufa waan ta’eef. Yoo inni dhufu baate biyya lafaa kana irratti namni fayyu argamu dhiisu mala (Maate. 24:22).  Kanaaf boqachuu fi jireenya bara baraa argachuuf dhufaatiin isaa nuuf wabii dha. Eeni Gooftaa dafii koottu. Ameen!

Hafuurichii fi misirrittiini, "koottu!" jedhu; namni dhaga'us, "koottu!" haa jedhuu.” (Mul. 22:17). Ameen!

 

 

4 comments:

  1. ጌታ እየሱስ ዘመንህን ይባርክ በጣም የማከብርህ ምርጥ ወንድም ነህ

    ReplyDelete
  2. Wow Ebbiffama

    ReplyDelete
  3. Ebifammaa dachaa ❤

    ReplyDelete
  4. Waaqayyoo siin haa ebbiisu 🥰

    ReplyDelete