Monday 25 January 2016

“Qottoon hidda mukaa hundumaa irra kaa'amee jira;”(Maate.3፥10)




     Jecha kana kan dubbate Yohannis Cuuphaa dha. Kan dubbatees Fariisotaa fi Saduuqota laga Yordaanositti cuuphamuudhaaf gara isaatti dhufan erga argee booda dha. Yohannis cuuphaan “Mootumman waaqaa dhi’aateeraatii yaada garaa keessanii geedaradhaa!” jedhee jecha raajicha Isaayaas kaasuudhaan yeroo mootummaa Waaqayyoo labsuu; warri Yeerusalem jiraatan, warri Yihuuda, warri kutaa biyya naanna’aa Yoordanoositti jiraatan hundi gara isaatti dhuufuun cuuphamaYohannis cubbuu isaani himachaa ofii isaanii cuphsiisaa turan.
    CuuphaanYohannis jiruu fi umrii isaa guututti Waaqayyoof kan kennee waan ta’eef mootummaa waaqaa labsuu malee hojii biro hinqabu ture. Kanas kan labsaa ture soda tokko malee dha.Namootni isa bira dhufaa turan uummata hedduu, namoota qaraxa guuran, warri looltuuni fi… kaneen biros isa bira dhufanii “mee maal goodhu qabna?” yeroo jedhani gaafatan; hunda isaaniitiif waan isaan irraa eegamuu sirritti itti himaa ture. Yeroo ammaa kana keessatti rakkoon dhugaa mootummaa waaqaa ifatti fi sirritti barsiisuu(labsuu) dhabuu dha. Waldaaleen hedduun miseensoonni isaani cubbuu keessatti akka argamanitti himuu dhiisanii waljajanii qofa wajjiin jiraatu. Waaqayyoon garuu yaada namaa fi garaa namaa ni fonqolcha ykn sakkata’a.(Mula.2:23)

     Kana malees waldaaleen  waaqayyo hedduun isaani dhugaadhaan osoo hintaane akka namni isaan argutti Wangeela kan labsan malee akka Gooftaan isaan argutti kan labsani miti. Waan kana ta’efis miseensi waldaa isaani akka namni isaani argutti jiraatan malee akka Yooseef(Uuma.39:9) waaqni nu arga jedhani kan jiraatani miti. Nama duratti namni dhugaa fi sirrumaa heddu dha;  garuu madaallii Wangeela Yasuus Kirstoos duratti dhugaan namaa jibbamaa(dhara) dha.
    Yohannis soda hunda irraa bilisa ta’e sagalee waaqaa nama kamuu osoo hincaalchisiin labsaa ture. Dhugaa waaqaa irratti dhaabanne malee fuula namaa ilaalaa hindubbanu. Biyyi lafaa kun guututti sobaa yoo ta’e argamees Goofataan Yesuus garuu dhugaa bara baraa waan ta’ef soda tokkolee hinqabnu. Yoohannis kophaa isaa mootummaa waaqaa labsuus gammachuun Gooftaa onnee isaa guutee jira waan ta’eef; akka nama kophaa jirutti hinyaada’u.
    Umrii isaa guddaa lafa onaa keessatti dabarsuus; magaalaa keessatti yoo dhufus wanti jijjramee tokkolee hinjiru. Ammas afaan isaa mootummaa waaqaa labsuu malee hojii biro hinqabu. Jijjiiramni bakkaa, qabeenyaa, kabajaa, argachuu fi dhabuu, nama wajjiin jiraatus kophaa isaas ta’u …Yohannis sanuma.


     Hedduun keenya of raasaa jiraana. Yeroo argannuu fi yeroo dhabnu abdiin waaqaa irratti qabnuu fi gammachuun keenya tokko miti. Yohannisiif garuu lafa onaattis; magalaa keessattis abdiin waaqa irratti qabuu fi gammachuun isaa tokko dha. Sababiinis maddi abdii fi gammachuu isaa waaqa qofa waan ta’eef. Nuuf hoo maddi abdii fi gammachuu keenyaa eenyu laata?
     Yohannis yeroo namoota hedduu cuuphaa jirutti; “Fariisotaa fi Saduqoota keessaa namoonni baay’een cuuphamuudhaaf gara isaa dhufuu isaani yemmu arge,
“Isin ijoollee mar’ataa nana, dheekkamsa isinitti bu’uuf jiru jalaa akka baqattanif, eenyutu isin yaadachiise? Ammas yaada garaa geddarachuun keessan ija gaarii haa godhatu! Abbaan keenya Abrahaamii dha jettanii kan galtan isinitti hinfakkaatiin Waaqayyo dhagoota kanattii Abrahaamiif ijollee kaasuu akka danda’u isinitti nan hima. Ammuma iyyuu qottoon hidda mukaa hundumaa irra ka’amee jira; mukti ija gaarii hingodhanne hundinuu muramee ibiddatti naqama.” Jedhee gorse. (Maate.3:7-10)

     Namootni gara Yohannisitti dhufan bara sana keessatti namoota amantaanis ta’e siyaasaan fiixa beekumsaa irra jiran jedhamani yaadamanii dha. Namootni kun nama duratti waan hunda ykn namoota Waaqayyotti dhiyaatan fakkaatan; garuu namoota Goftaa duratti ija firii godhatanii miti. “yaada garaa geddarachuun keessan ija firii gaarii” godhachuu qaba jechuun geedara dhugaa firii wajjin walqabatuu dha malee sagalee Gooftaa qofa qabachuu miti. Geedaramni dhugatti ta’e cubbuu guututti dhiisuun firii dhugaa agarsiisuun madaalama. (Yooha.15:16)
     Namootni nuti ilmaan Waaqayyooti jechaa firii dhugaa hingodhanne; akka mukken muramanii ibidda keessatti darbamanii dha. Kunis murtii Waaqayyoo hinhafnee agarsiisa. Kanas “Ammuma iyyuu qottoon hidda mukaa hundumaa irra ka’amee jira;” jechuun kaa’ameera. Kunis murtiin dhiyaachuu agarsiisa. Gosaan, beekumsaan, qabeenyaan, beekamoota’un, aangoon … firiin dhugaa hinfidu ykn hindhufu. Firiin dhugaa geedarama onnee irraa dhufa malee. Kanaaf fayyuu siyaasaa, gaa’ela, dhaloota, maatii, tokkummaa …keenyaa fi biyya lafaa kanaaf geedarama dhugaa onnee irraa madde taasisuu qabna.
    Gooftaan Yesuus Kiristos hubbannaa onnee yaa nuu bayy’isuu. Ameen.

1 comment:

  1. Wendeme!!! geta egziabher Abzeto Yebarkeh Wenegel Lealem hulu yederes.

    ReplyDelete