Friday 28 February 2014

Waaqni Guddaan akka nu ilaalutti !!! (kutaa – 2)

Please read in PDF

   

Yoosef akka namni isa ilaalutti hinjiraatu.osoo akka namni isa ilaalutti jiraate Yoosef fedhinna isaa raawachuudhaaf haalli hundi isaaf mijaa’e jira.haalalummaa raawachuuf isheen fedhinnaa niqabdi,namni isaan argu hinjiru,sireen tolfamee miidhagee jira, … wanti hundi dhoksaadhaan raawatamuu ni danda’ama.kun hundi garuu akka namaatti malee akka Waaqayyootti wanti dhoksaa ta’e hinmula’ane tokkoleen hinjiru.isa duratti dukkani ifa dha.isa duraas fagaachunis ta’e dhokachuun bakka inni hinjirretti jiraachuun hindanda’amu.(Miil.7÷8,Faar.138÷12)
     Qulqulluun Yoosef wanti hundi isaaf mija’a ta’us; isheenis isa kadhachuu qofa osoo hintaane fiigdee “koottu ana wajjin halaalummaa raawadhuu” jettee yemmuu qabdu “ani Waaqayyoo duratti akkamitti cubbuu raawadha!?” jedhee huccuu harka isheetti dhiisee fiigaati ala bahe.sababii kanaan sobaan himatamee mana hidhaa seene.bareedini fi dargagummaan Yoosef kan barbaadame qulqulluumaafi osoo hintaane xuraawamudhaaf. Hara’as bareedina ofiif barbaadu malee bareedini Waaqayyoof nama jedhu arguun ni danda’amaa laata?! Biyyi lafaa tun dargagoota qulqullumaaf kan barbaadus miti;humnaa fi sammuu isaani sababii adda addaatiin xureesuuf malee.

  Qulqullumaa isaa Waaqayoo duratti malee qulqulluumaa isa nama duratti jiruuf(mulatuuf)Yoosef hincinqamne. Kanaaf Waaqayyoo duratti akkamitti cubbuu raawadha jedhee mana hidhaa seene.Yoosef qaamni isaa hidhamuus sammuun isaa garuu bilisa dha.isheen garuu qaamni ishii bilisa ta’us sammuun ishee garuu kan hidhamee dha.namni yakka(badii) raawatee ragaan waan isa irratti hinmirkaneesineef bilisa jedhamuus sammuun isaa garuu bilisa ta’u hindanda’u. nama akkanatiif Manni Murtii bilisummaa qaamaa malee bilisummaa sammuu kennuu hindanda’u.
    Eeni! Namni akka Waaqayyoon guddaan isa argutti jiraatu himannaa sammuu irraa bilisa dha.haaluma walfakkatuun namootni kan hidhamanis waanuma yakka raawataniif osoo hintaane halaalummaa hinraawannu ,malaamaltummaa hinfudhannuu,nama hinajjeesnu,waan jedhaniifis akka Yoosefitti hidhamuu nidanda’u. hara’as dhugaan jiru kanuma.namootni haalalummaa hinraawannu ,hinsirbinu , … jedhan akka nama hinqaroomneetti akka walaalaatti laakawamu.
     Lubaan Zakariyaasifi haati manaa isaa Waaqayyoo duratti seera isaa raawachuun,jireenya qajeelaa jiraachuun jaalatamaa turan.(Luuqa.1÷6) akka namni fedhutti jiraachuun rakkisaa fi ulfaataa dha.namni eenyumaniifi haalli isaa dhaabataa osoo hintaane jijjiiramaa waan ta’ef. Akka Waaqayyoon fedhutti jiraachuuf garuu salphaa fi wanta nama gammachiisu dha.Waaqayyoon;
      Haalli fi akkeenyi isaa hinjijjiiramu.Waaqayyoo kaleessa,hara’as borus hanga bara baraatti inni kan hinjijjiramne dha.(Heb.13÷7) kanaaf kan kaleessa nuun jedheen alatti waan haaraya hara’a nutti dabaluu hinqabu. Jechuma kaleessa nuun jedhee saniif hara’as bitamnaaf.namni garuu waan kaleessa sana dagatee hara’a kakuu fi wanta haarayaan nutti dhufa.
Kanaaf Waqayyoo hinjijjiiramne kanaaf akka inni nu argutti jiraachuun gatti guddaa qaba.
      Waqayyoon seera isaa raawadhaa jedhee kan nu dhiisuus miti.raawadhaa jedhee humna ittiin raawannus nuuf kenneera.dhiigni Gooftaa Iyesuus Kirstoos waan hunda akka raawachuu dandeenyu human keenya isa guddaa dha.dhiiga isaatiin alatti wanta gaarii raawachuu hindandeenyu. dhiiga isaatiiniifi Hafuura qulqulluutiin waan hunda raawachuu ni dandeenya.
     Namni garuu naaf raawadhuu malee human isaaf ittiin raawatu siif hinkennu.ofiifu dadhabaa waan ta’ef. Kanaaf Waaqayyoon guddaan akka nu argutti yaa jiraanu. Akka inni nu argutti  jiraachuun jiruu bara baraa kan hindhumne nu badhasiisa.
Ayyaani Gooftaa Kiristoos nu wajjin haa ta’u.Ameen.

                

2 comments:

  1. ulfaadhu jabaadhu!!

    ReplyDelete
  2. ኦሮሚኛ ባላውቅም በኦሮሚኛ በማገልገልህ ደስ ብሎኛል፡፡

    ReplyDelete