Monday 17 February 2014

Waaqni Guddaan akka nu ilaalutti !!! (kutaa – 1)

Please Read in PDF


             Waaqni Guddaan akka nu ilaalutti !!! (kutaa – 1)
http://abenezerteklu.blogspot.com/
      Gatii keenya isaa bara baraa wantoota nujalaa dhabamsisan keessa inni  tokkoofi guddaan jiruun keenya akka Gooftaan guddaan ilaalutti osoo hintaane akka namni nuargutti waan jiraanuuf dha. Qulqullumaan keenya kan madaalamu ijaa fi ilaalcha namaatiin osoo hintaane ijaafi jecha wangeela Waqayyotiin.Warrotni Waaqayyoof bullee jedhan hedduun isaani qulqulluumaan isaani akka nama duratti mula’utuuf malee akka Waaqayyoo duratti mula’utuuf hedduu hineegatan.
    Yeroo bayyee namootni nama duratti shakki malee qulqulluu ta’u danda’u; garuu Waaqayyoo duratti namootni qulqulluu ta’an yeroo baayye fudhatama namaa hinargatan. Jechi Waaqayyoo seenaa Yoosef yemmuu ibsu “Waaqayyoo Yoosef wajjin ture hojiin isaas nama raawatameef ta’e” jedha.(Uuma.39÷2) Yoosef jibbinsa obboleewwan isaa isaaf qabaniin mana abbaa isaa irraa fagaatee, gabrummaadhaaf gurguramee biyyaafi namoota hinbeekne jiddu kan jiraatu ta’us inni garuu “namni na beeku hinjiru,kanaaf yoo of jijjiiree cubbuu raawadhe hoo?” Jedhee ofiif bilisummaa cubbuu hinlabsine.namoota muraasaan alatti barumasaaf, jireenyaaf,hojiidhaaf … namootni yeroo teessoo isaani jijjiiratan gaarumman isaanitis wajjin jijjiirama. Bakka deeman hundatti akka uumaan isaani isaan argutti osoo hintaane waanuma nama beekan irraa fagaataniif ija Waaqayyoo duraas waan fagaatan isaanitti fakkaata.

   Qulqullun Yoosef obbolewwan isa giddutti hinaffan jibbamuus namoota isa hinbeekne giddutti garuu kabajaafi ulfina Waqayyoon isaaf ta’e biyya Gibxii mana nama Pitfaaraa jedhamuu keessatti gurguramee Waqayyoon waan isa wajjin tureef Pitfaaraan bulchaa fi abbomaa mana isaa hundumaa isa godhate. Namoota nu beekan jiddutti jibbamaa,walaalaa,kan ulfinaa fi kabajaa hinqabne ta’u dandeenya garuu yoo Waqayyoon nu wajjin ta’e namoota nu hinbeekne jiddutti kabaja daran gudda argana.
     Yoosef deemsa isaa hundaatti Waaqayyo kan sodaatu dha.manni inni itti tajaajilaa jiru kanatti haati manaa Pitfaaraa bareedina Yoosef kana jaalatee “ana wajjin raftee halaalummaa(sagagalummaa)raawatu malee” jechaa guyyaa heddu isa rakkifte.Yoosef garuu “ani jaarsi kee bulchaa fi abbomaa qabeenyaa na godhe malee si naaf hinkennine” jechaa dide. Hara’a namootni heddu halaalummaa yemmuu raawatan hanga cubbuu hinraawanetti yeroo itti laakawan irra ga’ani jiru. Biyyi lafaa tun jechoota xureesite keessaa inni tokko isa “jaalala” jedhu dha. Halalummaan akka jaalalatti laakawamuu erga eegalee bubbulee jira. Cubbun cubbuu dha yoo hinjedhamne ni baratama.wanti baratame immoo muuxannoo ta’a,muuxannoon immoo umama caalaa nama gabroomsa.yeroo ammaa kana halaalummaan cubbuu dha jedhani afaan guutatani namoota barsisan argachuun xiqqachaa dhufee jira. Eeni! Waldaan Kiristaana halaalummaa,sirba, … afaan guutatee cubbuu  dha yoo jechuu dhistee qulqullumma isa Waaqayyoo duratti ittiin dhaabatu dhabdi.
       Biyya lafaa kana irratti nama hundaan jaalatamani Waaqayyon jibbamu irra biyya lafaa kanaatiin dhugaa jecha jibbamanii Waaqayyo duratti jaalatamuun gatii guddaa qaba.namni akka Waaqayyon guddaan isa ilaalutti jiraatu kana yaada. Bilisummaa nuuf kenname cubbuu raawachuuf ittin fayyadamu hinqabnu.kan nu Umeef bitamuu kan qabnu akka namni nu argutti osoo hintaanes akka inni guddan nu argutti ta’utu irra jiraata. Jechi Waaqayyoos akkana jedha,
      “Akka isa nama gammachisuuf ija ilaallatanii hojjettanii utuu hin ta’iin,akka hojjatoota Kirstositti garaa guutuudhaan jaalala Waaqayyoo raawadhaa! Akka waan namaaf hojjetaniitti utuu hin ta’in ,akka waan Goftaadhaaf hojjataniitti gammachuudhaan hojjadhaa!” (Efee.6:6-7)

                             Itti fuufa …


3 comments:

  1. Gofatan barra tajajila ke sif ya ebbisu!!!

    ReplyDelete
  2. What a heel is this?can u translate for us?

    ReplyDelete
  3. oromon ega homii ortodoksi ta;e ortodoksin dina oromoti!!
    lamata afon oromotin hin baresin

    ReplyDelete