Saturday, 8 April 2017

“Wanti kun ija kee duraa dhokatee jira” (Luqa.19:12)

Please read in pdf   

 Torbeen kun Moggaafama “Hosaa’inaa” jedhu qaba. Moggaasa kana Qulqulluun Yaareed torbeewwan sooma Kristoos hunda moggaaseen kan moggaafamee dha. Yaareed torbeewwan sooma guddaa kana keessa jiran hunda baruumsa Kristoos wajiin walsimsiidhaan moggaasa kenneefi jira. Kanaanis Kristoos bu’ura waan hundaa ta’u isaa agarsiisee jira.
    Hosaa’inaan seenaa mataa isaa danda’e qaba. Nuti garuu seenaa balla’a keessa kutaa seensaa qofa ilaala. Goftaan Yasuus “gaara Ejersaa” irraa bu’e gara magaalaa Yerusaalemitti gale. Gaara ejersaa irra taa’e magaala Yeruusaaleem gutumaan guututti arguu ni danda’a ture. Haata’uti gaara irraa bu’e gara magaalatitti seene. Lubootni, barsiisootni fi hoggantootni Ayihuud gara hammenyaan akka isa morman osoo beeku(Maar.15:12); dabalataaniis yeroo dhiyoo keessatti magaalatti fi ummata irratti naasuu fi badiin guddaan akka irratti qaqqabuu beekuu gara magaalaatti seene.

    Gooftaan Yasuus fannoodhaaf akka dhufee ni beeka. Ummatni hara’a isa galateefatefi harka isaa irraa biddeena nyaate, bishaan dhugee akka isa ganuu, du’afis dabarsee jibbinsaan kennu Gooftaan Yasuus ni beeka. Garuu kana hunda osoo beekuu hojii isaa hojjachuu, fedha abbaa isaa raawachuu irraa guyyaa tokkolee hindagannee.
    Mootummaa Waaqayyoo yeroo tajaajilu wanti hundi gaarii, wantii yaadnee hundi bu’a qabeessa, wanti tilmaamne hundi hawwachisaa fi gammachisaa ta’u irraa; ulfaataa fi jibbisiisaa, abdii murachisaa ta’u mala. Haata’uti kun nuuf haaraya ykn hara’a kan nuratti eegalee miti. Ergamaan Pheexiroos “Isin kana gochuudhaaf waamamtaniirtu; Kristoos immoo isiiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.” (Pheex. Duraa 2:21-22) jechuun ibseera. Kanaaf daran dhiphachuu fi maliif ta’e jennee mormii kasuu hinqabnu.
    Karaan Gooftaan Yasuus itti darbee fannoo taanan haala addaatiin ykn nuti isa caalle karaan keenya kan badhaadhinaa fi siree irraa gara sireetti haalli itti jijjiiramuu danda’u tokkolee hinjiru. Garbichi Gooftaa hincaalu waan ta’eef.
    Gooftaan Yasuus magaalaa Yeruusaaleem yeroo argeetti ni booyeef. “Har’uma illee, ati nagaadhaaf kan siif ta’u utuu beektee, akkam gaari ture; amma garuu wanti kun ija kee duraa dhokatee jira.”(lakk.42) jechuunis itti dubbate.
     Jiraatootni magaalaa Yaruusaaleem yaada garaa isaani geedaruun deebi’anii gooftaa Yasuusitti amanani magaalatti fi ummatni badii irraa ni oolanii ture. Kana irraa kan ka’eenis akkuma maqaa isheetti “Magaalaa Nageenyaa” taati turte. Garuu dhugaan kun “ija ishee duraa dhokatee jira” jechuun Gooftaan Yasuus gaddaa guddaan dubbatee.
     Yerooni fi carraan yaada garaa isaani itti geedaratan ni dhume. Garaa isani ni jabeessan. Osoo laalanuu ija isaani jaamsan. Akka waliigalaatti “bara Waaqayyoo itti si fayyisuu dhufe waan hinbeekneef” (lakk.44) jechunis dhufa ilma Waaqayyoo Yasuus gonkumaa hinbeekne; beekanis isa akka fayyisaatti fudhachuuf hinbarbaadne.
    Kana fudhachuu waan hinbarbaadneef immoo magaalatti irratti nagenya osa hintaane waraani akka itti dhufu gooftan Yasuus raajii dubbate. Waaqqayyoo ta’u fi fayyisa bara baraa ta’u isaa fudhachuu dhabuun badii dhuma hinqabneef of saaxila. Of dabarsinees kennina.
     Waaqayyoon waaqa jaalalaati. Magaalootni fi ummatootni/Namootni/ yaada garaa isaani geedaruun fuula isaani gara Waaqqayootti akka deebisan waamicha godheera. Kunis “Waaqayyoo, namni hundinuu akka fayyuu, dhugaa beekuu biras akka ga’u ni fedha.” (Ximo. Duraa 2:4); akksumaas “ Gooftaan wanta abdachiise raawachuudhaaf hin seesu; akka namoonni tokko seesuutti isa lakkaa’an miti. Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hinbarbaadneef obsaan isiiniif hin danda’a.” (Phex. Lamaffaa 3:9); Kaayyoo jedhuuf. Carraa kanaan kan hinfayyadamne fi kan hindeebinee yoo ta’e Gooftaan itti murteessa. Isaanis badii ni argata.
     Yaruusaleem Gooftaa Yasuus kabajaan waan hinfudhaneef  jecha bara 70tti waraanni Roomaa guututti barbadeeseera. Waaqqayyotti qoosuun hindanda’amu. Namni kan haamattu waanuma facaafatee dha; (Galaa. 6:7). Namootni jaarraa Nooh keessatti turan gara yaada garaa isaanitti deebi’an yeroon dheeran kennamufis; waan hindeebineef Waaqqayyoon bishaan badiitiin akka dhuman godheera. Garuu magaalli Nanawee akka cubbuu ishee dhiiftee; yaada garaa ishee geedartee deebituu itti himamnaan waan deebiteef waaqayyoon diifama guddaa godheefi jira.
    Deebi’uun beellama hinqabu. “Waaqayyoo, “yeroo ana biratti jaallatamee fudhatametti siif dhaga’eera; guyyaa fayyinaatis si gargaareera” jedha. Kunoo, yeroon jaallatamee fudhatame amma; kunoo, guyyaan fayyinaa amma!” (Qoro. Lamaffaa 6:2-3) jechuun yeroon deebi’u keenyaa amma akka ta’e kitaabni ifatti kaa’eera. Boru bayyee fagaachuu danda’a. Waaqqayyoo dhiifama gaafannee deebi’uuf yeroon amma ta’u nuuf galuu qaba. Dhugaan kunis ija keenya duraa dhokachuu hinqabu.

   Waaqqayyoon guddaa Sheenahuun gara yaada garaa keenya geedarutti akka deebinuu Maqaa Gooftaa Yasuusitiin yaa nu gargaaru. ameen!

3 comments:

  1. God bless us all. You are braves...

    ReplyDelete
  2. Goftaan Yasus Kristoos ya si ebbisuu

    ReplyDelete
  3. Ebbi Gooftaa si wajjin yaa ta'u!

    ReplyDelete