Monday 28 November 2016

Yasuus na Booji’e

Please read in PDF

Lephuu cubbuu keessatti – lixoo lixee;
Umrii guutuu – biyya lafaaf fixee;

Waanyoo gabrummaatiin – caccabee bututee;
Namni na baqatee - qophaa kiyyatti hafee;
Tufatamee –
Jiba jiba caaluun jibbamee …
Kolfa seexanaatiin - lubbuun too baaragdee;
Halkanii fi guyyaa - booyichaan maramtee;
Osoon kophaa jiruu …
Jaalalaaf boqonnaa - jajjabeena ta’e

Harka isaa diriirsee - Yesuus na booji’e. 

No comments:

Post a Comment