Sunday 23 September 2018

ይድረስ ለክቡር ጠቅላይ ሚኒስቴር ዓቢይና ለክቡር የኦሮሚያ ክልል ፕረዘዳንት ለማ መገርሳ!

Please read in PDF

   አስቀድሜ ትልቁን የሰማይ አምላክ አንተ ብዬ በምጠራበት ዓውድ፣ ከኹለት አንዳችሁን ሳነሣ “አንተ” ብዬ ብጣራ “ባህል ጣሽ፣ አክብሮት ገሳሽ” [በምን አቅሜ - አንድዬ እያለ] አንባቢዎቼም እናንተም እንደማትሉኝ በመተማመን ነው። ስለዚህም አንተ ብዬ በምናገርበት ቦታ ላይ የንቀት ወይም ሌላ ምንም ነገር በውስጤ እንደ ሌለ አስቀድሜ መናገር እፈልጋለሁ።
    መቼም፣ “ይህ ጽሑፍ በየት በኩል ለእነርሱ ይደርሳል?” እንዳልባል፣ ኹለቱም መገናኛ ብዙሃንንና ማኅበራዊ መገናኛዎችንም በቅርብ ተከታታይ መኾናቸውን በተለያየ መንገድ አጣርቻለሁ፤ ከዚህ ባሻገር ኹለቱም በጽሕፈት ቤታቸው ብዙዎች የሚከታተሉት ማኅበራዊ መገናኛዎች አሏቸው፤ እናም ሊደርሳቸው እንደሚችል በማሰብ በእርግጠኝነት መጻፍን መርጫለኹ። ልጽፍ ያነሳሳኝ ዓቢይ ነገር ልቤ ላይ ደጋግሞ ስለመጣና ውጤቱንም በተደጋጋሚ በማየቴ፣ በሌሎች አገራትም ላይ ተመሳሳይ የታሪክ ስህተት መፈጸሙን በማስተዋሌም ጭምር ነው። የዚህ ጽሁፍ ዋነኛ ዓላማ፣ ኀጢአትን ለመኰነን ብቻ እንጂ የማንንም ባህልና ወግ የሚነካ ተግባርን የሚያካትት አይደለም።


    ከባለፉት ጥቂት ቀናት በፊት፣ በቡራዩ ከተማና በአከባቢዋ የተፈጸመው ድርጊት የምድሪቱን ጆሮ ጭው ያደረገ ድርጊትና በእግዚአብሔር ፊት እጅግ አስነዋሪ፣ አጸያፊ ተግባር መፈጸሙን ያስተዋልንበት፣ ምን ያህል አውሬ እንደ ኾንን ለዓለሙ ኹሉ ማንነታችንን የገለጥንበት ድርጊት ነው። ይህ እጅግ አሳፋሪ ድርጊት ግን እንዴት ሊኾንብን ቻለ? ምንጩ ምንድር ነው? ሰው “ከአውሬ ጋር ፍጹም ተላምዶ በሚኖርበት” በዚህ በሃያ አንደኛው መቶ ክፍለ ዘመን፣ እኛ ከገዛ ወገናችን ጋር እንዴት መስማማትና አብሮ መኖር ተሳነን? የሚሉና ብዙ ጥያቄዎች በውስጤ ሲመላለሱ ነበር።
    ብዙዎች ያለፉት ሃያ ሰባት ዓመታትን የመሩትን መሪዎች ብቻ በመተቸት፣ “ምንጩና ውጤቱ ከባለፉት ዓመታት መሪዎች የመጣ ነው” ሲሉና ሲሞግቱ ተመልክቻለኹ። አዎን! እኔም ሃሳቡን በግማሽ እጋራዋለኹ፤ ነገር ግን በኹላችንም ውስጥ ካለው የእግዚአብሔርን ክብር ከሚገፋ ከኀጢአተኝነት ዝንባሌ (ሮሜ 3፥23) ባሻገር፣ እንዲህ ላሉ የጀማ አደባባያዊ ጅምላ ግድያና ወረራ ታላቅ አስተዋጽዖ ያላቸው ከውስጣችን የፈለቁ ነገሮች አሉ፤ ከእነዚህም አንዱና ዋነኛው ጥላቻን፣ ግድያን፣ ዘረፋን፣ ንጥቂያን … የሚያበረታቱ ዘፈኖች ናቸው። በኦሮሚኛ የሚዘፈኑት ጥቂት የማይባሉ ዘፈኖች [በተለይ ከአንድ ዓመት ወዲህ ያሉት] በራሳቸው እጅግ ዘግናኝና ሰቅጣጭ “መልእክትን” በውስጣቸው ታጭቀው እንደ እሳት ላንቃ የሚንቀለቀሉ ናቸው።
   ከጥቂት ሳምንታት በፊት እንደ ተናገርኹት፣ በኦሮሚኛ የሚዘፈኑትና “ጥቂት የማይባል ቄሮ” የሚዘፍናቸው፣ የሚያደምጣቸው፣ እንዲሁም ወጣቱ የኦሮሚኛ ዘፋኝ በአኹን ሰዓት የሚያወጣቸውና ያወጣቸው ዘፈኖች፣ ስሜት ቀስቃሽ፣ ግድያን አበረታች፣ ልዩነትን አጕዪ፣ የግለሰብን ወይም የአንድን ቡድን ወይም ማኅበር ወይም የፖለቲካ ፓርቲ ስም እየጠሩ በግልጥ ጥላቻን አስፋፊ ዘፈኖች ናቸው። ለምሳሌ፦ በዘፈኖቹ ውስጥ እንዲህ የሚሉ ሐረጋት አሉ፤ እረድ - አራርድ፣ ግደል፣ ታጥቀህ ተነሥ፣ ርስትህን አስለቅቅ፣ ጊዜው ያንተ ነው … የሚሉና ሌሎችም እጅግ አስፈሪ ሐረጋት አሉት።
    በአጭር ቃል፣ ዘፈን የወደቀው መልአክ የሰይጣን እንጉርጉሮ ነው። ዘፈን ሰዎች ፍጡራንን በማምለክ ቅዱሱን ጌታ ለማስቀናት ፍጡራንን የሚወድሱበት፣ የሚያሞግሱበት፣ የሚያንቆለጳጵሱበት፣ የሚያሞካሹበት … ከጀርባ ቆሞ የወደቀው መልአክ ክብርን የሚቀበልበት ርኩስ ኀጢአት ነው። እግዚአብሔርን የማያከብር የቱም ዜማ፣ ለጌታ ክብርን የማያመጣ የቱም ግጥም፣ ለቤተክርስቲያን መታነጽ የማያገለግል የቱም ዜማና ስንኝ፣ እርሱ ጣኦትና ሰይጣንን በመተባበር እግዚአብሔርን የሚቃወም ተግባር ነው። አዎን ዘፈን ብዙ ትውልዶችን ያመከነ ርኩሰት ነው፤ በአንድ ወቅት እስራኤል ከእግዚአብሔር ጉብኝት ወጥታ በአጋንንት ለመጎብኘት ባሰበችበት ቅጽበት፣ እንዲህ የሚል ቃል እናነባለን፤ “ሕዝቡም ሊበሉና ሊጠጡ ተቀመጡ፥ ሊዘፍኑም ተነሡ” (ዘጸ. 32፥6)፤ ዘፈን ሰዎች ከእግዚአብሔር ፊት ሲወጡ ወይም ከመገኘቱ ሲነጠሉ የሚያሰላስሉት፤ በአጋንንት ጉብኝት ውስጥ የሚያገኙት ዜማና ድርሰት ነው።
    እናም ኦሮሚያ ውስጥ ለተከሰተው ከልክ ያለፈ ጭካኔና ግድያ አንዱና ቁልፍ ምክንያት ብዬ የማስበው፣ በግልጥ ቀስቃሽ ዘፈን መበራከት እንደ ኾነ አምናለሁ። ይኸንንም እጅግ በጣም በቅርብ ከማውቃቸው፣ በትክክል ካየኋቸው፣ እኔም ጭምር ሃሳባቸውን በመቃወሜና በመሞገቴ በእንዲኹ ጥላቻ ከገፉኝና ከጠሉኝ ሰዎች ተነስቼ ያየኹትና ለመናገር እደፍራለሁ። በእርግጥ እኔ ቋንቋቸውን እየተናገርኹ ስለሞገትኳቸው እንጂ፣ ሌላውን ምን ሊያደርጉት ይችሉ ይኾን? ብዬ ማሰቤን ለዘወትር አላቋረጥኹም ነበር። እንዲያውም ወደ ክፍለ አገር ስሄድና ከክፍለ አገር ስወጣ እጅግ ከሚያስጨንቁኝ ነገሮች አንዱ በተሸከርካሪዎች ላይ የምሰማቸው ዘፈኞች “እጅግ ደም የተጠሙ ዘፈኖች” መኾናቸውን ነው። እኒህ ዘፈኖች በተከፈቱበት ተሸከርካሪ ማንም ሰው ይቀነስልኝ ቢል፣ ከጸርነት ይመደብና ስድብ፣ ጥላቻ፣ ባስ ሲልም ዱላ ሊከተለው ይችላል። እናም መሪዎቻችን ሆይ! ይህን ነገር አደብና ገደብ ብታስይዙልን ምን ይመስላችኋል?
    የሩዋንዳውን የሑቱና ቱትሲ የዘር ጭፍጨፋን ካፋፋሙትና እንዲባባስ ካደረጉት ነገሮች አንዱ ዘፈን እንደ ኾነ ታሪክ ሕያው ምስክር ነው፤ ለዚህም ነው የሩዋንዳውን ጉዳይ የያዘው ፍርድ ቤት በዚያን ጊዜ በዘፈን ጭፍጨፋውን ያነሳሱትን፣ የደገፉትን ዘፋኞችን ጭምር እንዲቀጡ ያደረገው። በአገራችንም ሕጉ በግልጥ ያለ ቢኾንም፣ ዘፋኞቹን ግን “ተዉ” ሊላቸው የደፈረ አካል ያለ አይመስልም፤ ኹሉም ነገር በስመ ነጻነት ቅጥ አምባሩ ጠፍቶ ልቅነት፣ መረን አልባነት አለልክ ሰፍቷል። ደርሶ መያዣው ሳይጠፋን ኹሉ ልክና ገደብ እንዲኖረው ማን በሰማን? ማንስ በተረዳን?
    ክቡራን ሆይ! መቼም ስለነዚህ ዘፈኖች ምንም ዓይነት መረጃው የላችሁም ብዬ አላስብም፤ ዳሩ ግን ስለምን ቸል አላችኹት? በዝምታችኹ ሕግ ተላላፊዎችን ስለምን ዝም አላችሁ? ይህን ስል፣ ስለዘፈን ኀጢአተኝነት እንድትቀኑ አልልም [ብትችሉና ብታደርጉት እሰየው] ነገር ግን እንድንተራረድ፣ እንድንገዳደል፣ እንድንታኮስ፣ እንድመነቃቀል፣ እንድንፈነቃቀል ቀን ከሌሊት ስለሚጮኹብንና ዕረፍት ስለሚነሡን ዘፋኞች ስለምን ዝም አላችሁ?
    ውጤቱ ይህን ያህል አስከፊ ከኾነ፣ በዓይኖቻችንም ካየነው የውጤቱን ምንጮች፣ መነሾ ምክንያቶች ለአንድያው ለማድረቅ ስለምን ተተግቶ አይሠራም? ችግርና የችግርን ውጤት ከማሳደድ ምናለ አስቀድመን መጠንቀቅ፣ ማስተዋልን ገንዘብ ማድረግ ቢቻለን?! ቅዱስ ቃሉ እንዲህ እንዲል፤ “ጥንቃቄ ይጠብቅሃል፥ ማስተዋልም ይጋርድሃል፥” (ምሳ. 2፥11)፤ ጌታ ያህዌ ኤሎሂም ለመሪዎቻችን ቅንና አስተዋይ ልቡናን ያድልልን፤ አሜን።
Haa ga’u kabajamoo Muumicha Ministeera Abiiy fi kabajamoo Pirazadaantii Naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaatiif!
   Duraan dursee Waaqayyoo kiyyaan “Ati” jedhee haalqara yaamuun; isin keessa tokko yemmuu yaamu “Ati” jedhee yaamuu kiyyaan; isiinis ta’e qaamni biroo na komatuu akka hinjirree ibsuun barbaada. Gocha kanaanis “saaqaa Aadaa, mulqaa kabajaa” akkan hintaane akka na hubatan abdii guutuun qaba. Kana kan jechaa jiru kabaja guddaa isaanif ta’u kennuudhaan akka ta’es yaa naaf hubatamu.
    Barreefamni kun gara isaanitti akkamiin gaha? Akka hin jedhamne, lameen isaanitu sub qunnamtii hawaasaa irrati kan hirmaatanii fi kan hordoofanis ta’u karaa adda addaatiin mirkaneeseera. Kanaan alatti Abbootiin aangoo lameenu karaa wajjiraalee isaanitiin sub qunnamtii namootni bayyee hordofan kan qaban ta’u ni beekama. Dabalataanis wanti kun kan isaaniif gahuu ta’u abdii guutuun qaba.
   Barreefama kana Barreesuudhaaf kan na kakkaasee ijoon guddaan; dhimmichi gara hafuura kootti deddeebi’e waan dhufeefi bu’a isaas deddeebi’e waan argeef; biyyoota biroo keessattis seenaan dogogoraa akkanaa raawatamee kan beekamuu fi addunyaa durattis kan hindhookannee ta’u isaa waan hubadheef.
   Torbee darbee keessatti magaalaa Burraayyuu fi Naannoo isheetti gochi raawatame, gurra biyyatti kan duuchee ykn wanta dhaga’uun isaa dhagna nama suukessu dha. Gochi kun Waaqayyo duratti kan jibbamee fi gocha bineensaa ykn gocha namummaa gadi nu taasisuu raawachuu keenya addunyaa duratti kan argisiifnee dha. Gochi baayy’ee qaanesaan akkanaa kun akkamitti nu giddutti raawatamee? Maddi gocha sukkaneessa kanaa maali? Jaarraa ammaa kana keessatti “yeroo bineensi namaan madaqee (wal baree)” jiraatutti; nuti garuu nama keenya, maatii keenya wajjiin akkamitti wal dandeenyee waliin jiraachuu dadhabnee? Fi gaaffileen biroo na keessatti deddeebi’a turaniiru.
   Namootni baayyeen gocha kana kallatiidhaan waggoota 27 darban keessatti warroota aangoo irra turan(Paartii biyyatti bulchaa ture) qofa qeequudhaan, maddi rakkoo yeroo ammaa kanaa isaan qofa akka ta’aan jala muranii yemmuu ka’an argeen jira. Eyyee! Yaada kana anis cinaan ittiin waliigala. Garuu hunda keenya keessa yaadni cubbuu keessoo keenya keessa ni jira; ulfinni Waaqayyoo nurraa hir’ateera; (Roomaa 3:23). Kanaan alatti gochoota ajjeechaa waliigalaa, weeraraa fi jibbinsa sabummaa giddu gala godhateef wantootni gahee qaban hedduun ni jiru. Kaneen keessaa tokkoo fi sababii gurguddoo keessa tokko ta’u danda’aa jedhee yaadu keessaa sirba dha. Keessaattuu Sirboota jibbinsaa, ajjeechaa, saamichaa,  qa’e fi mana irraa buqqaasuu … jajjabeesani dha. Sirboota Afaan Oromootiin sirbaman [keessattuu waggaa tokkoon asitti] mataa isaanitiin baayyee sukkaneessaa fi namoota miira keessatti kan galchan; ergaa of keessatti qabaniin dargageessa hedduu giduutti akka qaanqee ibidda belbelutti kan deemaa jiranii dha.
   Torbeewwan muraasa duratti; akkan dubbadheetti, sirbootni afaan Oromootiin sirbamanii fi “qeerroon hedduun” kan dhageefatu, konkoolaataa geejibaa keessatti banamanii kan dhaga’aman, wajjiraalee mootummaa tokko tokko keessatti kan banamani fi kan dhaga’aman ergaan isaani bayyee hamaa dha. Sirbootni kuniin miira keessa nama galchuu, ajjeechaa fi jibbinsa ni jajjabeessu, garaagarummaa ifatti lallabuu, qaama ykn garee tokko maqaa dha’uudhaan akka irratti hijaan bahamuu ykn gadoon qabamuu ni akeekachiisu. Sirooboota kana keessattis ifatti gaaleen akkana jedhuu ni argama; Fkn. Qali – qaqqalii, ajjeesii, hidhadhuu ka’i, lafa irraa buqqaasii, yeroon keeti, yeroo keetiin kan si gaafatuu hinjiru, kilaashiin ari’i … fi kannen biroo hedduu caqasuun ni danda’ama.
Gabaabinumatti cubbuun, seeran ala ta’uun dirreetti baheera. Eeni! sirbi gumguma seexanaati. Sirbi namootni Uumama waaqefachuudhaaf Waaqayyoo guddaa immoo busheesuudhaaf kan qopheefatani dha. Seexanni sirba duuba dhaabatee namoota sirbanii fi sirbiisan irraa  waaqefannaa ofiif fudhata. Ulfina Waaqayyootiifi ijaarama Bataskaanaatiif hin fidne taanaan, yeedaloon, walaloon kamuu, gaarummaan namaa kamuu Waaqayyoo duratti cubbuu dha. Eeni sirbi dhaloota hedduu haxxumaan kan maseensee dha.
   Yeroo tokko Israa’eel to’annaa Waaqayyoo jalaa baate; Seexanaan to’atamtee yeroo jirtutti kitaabni qulqulluu akkana jedha; “Ummannis nyaachuu fi dhuguuf taa’e; sirbuufis ni ka’e” (S. Ba’uu. 32:6) jedha. Sirbi yeroo namootni to’annaa seexanaa jala jiran kan yaadan, kan fedhan, kan sirban, walaloo fi yeedaloo isaan seexana irraa fudhatani akka yaada fi garaa isaanitti kan ittin sirbani dha malee; feedhni Waaqayyo kan keessatti calaqisuu miti.
    Akka kootti; yeroo dhiyoodhaan asitti Oromiyaa keessatti [fkn. Magaalaa Burraayyu Keessatti] ajjeechaan sukkaneessa raawatamuu fi namootni miidhamuudhaaf akka sababiitti sirbootni akkanaa gahee ni qabu jedheetiin amana. Kanas namoota dhiyeenyatti beeku irraa, kan argee irraa, namoota ani yaada sirba isaani kana mormee na jibban irraa … ka’uudhaan jedhee afaan guutee dubbachuu danda’a. Dhugumatti ani afaanuma isaan dubbachaa jiraniin waan isaan mormeef natti callisan malee, namoota qooqicha hinbeekne maal akka jedhan ykn godhan yaaduun kiyya hin oole. Yeroo magaalaa tokko irraa gara magaalaa birootti deemu sirboota akkanaa osoo hinfedhin dhageefadhee; akka gara Raadiyootti naaf jijjiiran yoon gaafadhu akkamitti ija dhiigaatiin akka na ilaalan nan beeka. Waan kanuma jedheefis arrabsuun, dheekamsi, jibbinsi yeroon itti na qunnamee hedduu dha. Kanaaf sirboota akkanaa kanaaf keewatni seeraa ifa ta’e osoo caqasamee jiru maaliif callaisuun barbaachise laata?
   Ruwaandaa Keessatti yeroo Huttuu fi Tuutsiin gosaa fi sanyiin walqoodanii walfixan sanatti; gahee guddaa kan taphateefi namoota gara miira keessatti akka galan kan taasisaa ture; Sirba akka ta’e seenaan ifatti ni kaa’a. Du’u namoota miliyoona tokkotti dhiyaatuuf, sirbaan namootni deegaran, kakkasan akka turan Manni Murticha dhimmicha ilaale, murti kennee kessatti caqasee jira. Biyya keenya keessattis sirbootni akkanaa osoo ifatti caqasamanaa jiranuu maaliif qaamni “dhiisaa” jedhu dhabamee laata? Inumaayyu qaamni akkas jedhu waan jiruu hin fakkaatu. Wanti hundi sababa bilisummaatiin daangaan ala bahaa waan deemaa jiru fakkata.
      Kabajamtoota Muumicha Ministeeraa fi Pireezadaanti Naannichaa! Waa’e sirboota kanaa odeefannoo homaa hinqabdan jedhee hin yaadu; egaa gaaffiin kiyya inni guddaa; maaliif itti callistanii? dha. Maaliifis bifa daguu ykn daggannootiin bira darbitanii? dha. “Sirbi cubbuu dha” akka jettan hin eegu (garuu osoo garaan keessan jabaate “cubbuu dha” jedhee Hashuu! Baga! jechuun kiyya hinoolu) garuu akka wal qaqqaluu, akka wal ajjeefnuu, akka walitti dhukaasnu, akka bubbuuqaanu, akka gar gar fo’amnu … halkanii guyyaaa boqonnaa nu dhorkuudhaan sirboota nutti iyyaniif falli tokko maaliif hin godhamne laata? Maaliifis callistan?
Bu’a isaa eega agarree fi sukkaneessa ta’u isaa erga hubannee madda isaa hanga dhumaatti gogsuudhaaf maaliif irratti hin hojjatamuu? Rakkoo fi bu’a rakkoo adamsuudhaan humnaa fi yeroo keenya nyaachisuu irra dursinee osoo of eegannee fi xiyyeefanne gaarii dha. Macaafni Qulqulluu akka jedhutti; “ofeegannoon si golga, hubannanis si eega.” (Fakkenya 2:11); Gooftaa Yaahiwee Eloohim warra aangoo qabatani nu bulchan hundaaf ati garaa hubbannaa, ifaa onnee kenniif; ameen.


4 comments:

  1. Abu! Geta tsegawn yabzalh. Endtmekr,endtgests yeredah geta yibarek! Yemigermih neger ante transport lay woym bizu bota semtehal. Ene gn university wust yamenut(getan enwodalen endehasabu enhedalen) yemilut sayker sikeftu echenek neber. Zefen bemeseretu mnm yihun mn, lemnm yizefen hatyat new. Gn amets keskash yehonu zefenoch ena zefagnochin biyaskomuln melkam new elalehu Tebarek Abeni!

    ReplyDelete
  2. ጀጀባዱ ያ ኦቦለሰኮ

    ReplyDelete
  3. ጥሩ መልዕክት ነው፡፡ ፀጋው ይብዛልህ፡፡ ተባረክ ወንድሜ፡፡

    ReplyDelete
  4. ሁለት የምወዳቸው ሰዎች

    ReplyDelete