Sunday 30 June 2024

Jajjabina isa Waaqayyoo (kutaa 2ffaa)

 "Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabeenna maraa haa eebbifamuu; Inni akka nu jajjabeenna Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphinna adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeennuuf dhiphinna keenna cufa keessatti nu jajjabeessa. Akkuma dhiphinni Kiristoosi akkamalee nuu baay'ate, akkasuma immoo karaa Kiristoosiitiin jajjabeenni akkamalee nuu baay'ateera. Nu yoo dhiphanne fayyinnaa fi jajjabeenna keessaniif jenneeti; jajjabeenni keennas jajjabeenna keessaniifi; jajjabeenni kunis kan isin yeroo dhiphinna nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuun argattanii dha. Abdiin nu waayee keessaniif qabnu kan hin sochoonee dha; isin akkuma dhiphinna keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabeenna keenya keessatti akka hirmaattan beennaatii." (2Qoro. 1:3-7)

No comments:

Post a Comment