"Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, Ab baan araaraatii fi Waaqni jajja beenna maraa haa eebbifamuu; Inni akka nu jajjabeenna Waaqa biraa arganne sanaan warra dhi phinna adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeennuuf dhi phinna keenna cufa keessatti nu jajjabeessa. Akkuma dhiphinni Kiristoosi akkamalee nuu baay'ate, akkasuma immoo karaa Kiris toosiitiin jajjabeenni akkamalee nuu baay'ateera. Nu yoo dhi phanne fayyinnaa fi jajjabeenna keessaniif jenneeti; jajjabeenni keennas jajjabeenna keessaniifi; jajjabeenni kunis kan isin yeroo dhiphinna nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaa bachuun argattanii dha. Abdiin nu waayee keessaniif qabnu kan hin sochoonee dha; isin akkuma dhiphinna keenya keessatti hir maattan amma immoo jajja beenna keenya keessatti akka hirmaattan beennaatii." (2Qoro. 1:3-7)
No comments:
Post a Comment