Tuesday 24 April 2018

Namni nama malee Hafuraa miti! (kutaa 3ffaa)

Please read in PDF

Waaqayyoon “akka bifa keenyaatti, akkaa fakkaattiis nama ni umna” dubbi jechuu isaa(Uma.1:26-31)
Kutaan kitaaba Qulqulluu kun namni bineensa lubbuu qabu irraa “haa ta’u, haa ta’u” jedhee Waaqayyon akka hin uumne agarsiisa. Inumayyuu kabajaafi jaalala guddaan harka isaatiin kan tolchee, kanas immoo bifa fi fakkaatti isaatiin uumu isaa ni agarra. Waaqayyoon akkeenya(dhaqna Hafuraa) isaa akka callaqisnu uumama keenya keessatti ibsuun fedha isaa ibseera. Kanaanis namni bineensa kamiyyuu irraa adda ta’u isaa hubachuu dandeenya. Sagalee Waaqayyoo sirritti hubbachuudhaaf sagalicha warri dura dhaga’e maal akka hubatee sakkata’uun bayyee barbaachisaa dha. Warri dura hubatee waan hubateen alatti; nutis addatti wanti haarayatti hubannu tokkoleen hinjiru.

       Jechi “bifa” jedhu afaan Hibruutiin “Tseelem” jedhama; hiikni isaas fakki ykn suura kan agarsiisu dha. Jechi  kun waaqayyoolli tolfamani fi wantoota biroos ibsuudhaaf dubbisa Kakuu Moofaa iddoo adda addaatti oole jira. Sagaleewwan armaan gadii laaluun sirritti hubbachuudhaaf bayyee nu gargaara.  (Uma.1:26: 27: 5:3:  9:6, Lakk.33:52, 1Sam.6:5: 11: 2Moot.11:18: Faar.39:6.)[1] “Macaafa Qulqulluu keessatti waan armaan gad jiran ni agarsiisa. 1) Akaakuu, dhaabbi fi boca (2Sam 1$:20; Isa 52:14; 53:2; Dan. 2:31 Mat. 22:20). 2) akka Gaaddidduu yookiin, fakkeenya waan biraa qabaachuu (Uma 1:26; Rom 8:29 1Qor 3:18; 2Xim 3:5) fakkeenya dhugaa ibsuu kan danda’u dha (Flip 2:6,7)”[2]. seensa jechicha haala waliigalaatiin yoo ilaalu Waaqayyooliin tolfaman ilaalchisee fakkenyummaa malee akkeenyummaa ykn naamusaan ykn qaamaan kan wal fakkaatu ta’u ykn hidhamiinsa qabaachuu wanti agarsiisu tokkoleen hinjiru. Sababiniis fakkatiiwwan lubbu dhabbeeyi yoo ta’an kan fakkaatiidhaan ibsame immo ykn qaamni isaa foonifi dhiiga kan qabu waan ta’eef.
    Ilaalcha birootiin immoo; baruumsa foon uffanaa Kiristoosiin Kayyoo addaa Waaqayyoon ilmaan namaa fayyisudhaaf jecha; Kiristoos Waaqqayyoo ta’e osoo jiru, foon namaa akkamitti akka uffate fi dabalee yoo ilaaluu gocha fakkaatitiin raawatamee osoo hin taane; dhugumatti nama akka ta’e ni hubbana. Kun garuu nama fayyisuudhaaf addatti kan raawatamee Kaayyoo Waaqayyumaati malee uumama keenya wajjin tokko wanti nu jechisisuu tokkoleen hinjiru. Adeemsa uumamaa keessatti namaa fi Waaqayyoo jiddutti haala dhiphaa ta’een walfakkachuun ni jira. Kana jechuun garuu namni akka Waaqayyooti, gosa tokko dha jechuu miti.  
   “Fakkaatii” jecha jedhu afaan Hibruutiin, “Deemut ykn Daamat”[3] kan jedhu yoo ta’u; yeroo digdami shan hin hanqaneef Kitaaba Qulqulluu Hibruu keessaatti cqasamee jira.[4] Hiikni isaas fakki ykn akka (madaallin kan ilaalamu) jennee hiiku dandeenya.
   “Namni fakkaatti Waaqayyootiin uumameera yoo jennu; fkn, Waaqayyoon hafuura waan ta’eef fakkaatiin isaa qaama isaa irratti kan mula’achuu danda’u lubbuu(nabsee) isaa irratti malee foon isaa irratti miti. Dhugaa dha; Kitaabni Qulqulluu Waaqayyoon ija, gurra, harka … kkf ni qaba jedha.  Haa ta’uti jechoota akka ibsa namaatti hojiilee Waaqayyoo ibsuuf kan jedhame malee akkenya isaa guututti kan ibsu miti.”[5] Kutaalee ibsinee keessatti akkenya guutuu ykn tokkumaa hin hiikamne kan agarsiisu miti. Haala madaallitiin walfakkaachuudhaan kan dhiyaatee malee garaagarumma haala hinqabne kan ibsame ta’u hin agarsiisu. Hayyuun Masarat kana yoo ibsan akkanatti ibsan;
    “Namni bifa fi fakkaatti Waaqayyootiin uumame jechuun maal jechuu dha? Eeni; bifa fi fakkaatti, gosti namummaa maal akka ta’e jechama ibsu ni qaban waan ta’eef, waa’e gosa jireenya nammummaa isa gaafachuu fi hubachuu akka barbaachisuu ifa ta’e ni mula’ata. 
   Dhaabni Namummaa maali? Yoo jedhame; haala salphatti(laayyotti) hiikuudhaaf, namni akka bifa fi fakkaatii namaatti uumamuuf barbaadame uumamufi, dhaabata uumamee kanaan akka jiraatu barbaachisaa ta’e argama. {Uma.1:27; 2:7)
  Kunis Waaqayyoon biyyoo lafaatti nama tolchee, hafuura jireenyaa itti godhu funyaan isaatti ni baafate; akkasitti namni uumama lubbu qabaate jiraatu ta’e. jedhame akka ibsametti; funyaan namaa irratti Waaqayyoon haafura waan baaseef, hafuurri Waaqayyoo namni hafuura jireenyaa akka qabaatu isa dandesisee. (Uma.2:7; Iyo.26:3, 4; Efe.4:24)
    Kun jalqaba Waaqayyoo irraa hafuurri namaaf darbe hafuura Waaqayyoo akkasumas immoo namaaf hafuura lubbuu kan qabu ta’u isaa kan ibse; jireenya namummaa ክn lubbuu kan ta’e kanuma. (Zak.12:1).
   Jireenyi namummaa kun ergamaan Paawloos fakki uumeen kan ta’e; “fakki qulqullumaa qajeelummaa” jedhe yeroo ibsu ni argina. Efe.4:23, 24 walfakkaachuun maaliin; yoo jedhame;
1.      Haalaan walfakkaachuu;
Kunis yaadaan, dubbachuun, lubbu jiraachuun walfakkaachuu dha. Haalli kunis Waaqayyoon bara baraa hin uumamneen akkuma argametti hafuura namaa keessatis akka argamu ta’eera.
2.     Qajeelummaa fi qulqullumaan walfakkaachuu
Waaqayyoon qulqulluu akka ta’e hunda; hafuurri namaatiis qajeelummaa fi qulqullumaan akka jiraatu fedha Waaqayyoo gaarumaatiin yaadamee uumamera.
3.     Beekumsaa fi dandetti, aangoon walfakkaachuu;
Waaqayyoo biratti beekumsi fi dandeetti, aangoo,madaaluu fi KKF ... akkuma jirutti ta’e hafuura namaa keessattis hamaa fi gaarii, qajeelummaa fi cubbuu, dhugaa fi soba, qulqullumaa, haxxumaa, adda baase beekuudhaaf, hanga akka adda baase beekutti; kan barbaachisu akka filatuu fi dandeetti fi aangoo raawachisummaa, madaalees dandeetti murtii akka qabaatu ta’e uumameera.
4.     Jireenyaan wal fakkaachuu;
Waaqayyoon onnee(lubbuu), jecha, Hafuura yoo qabaatu Onnen(Nabseen) jechaa fi Hafuura malee, jechis onneefi hafuura, hafuurris onnee fi jecha malee jiraachuu isaa akka hin ibsinetti (Haaf.32/33:6) namnis onnen isaa jechaa fi hafuura malee, jechis onne fi hafuura, hafuurris onnee fi jecha malee hin argamu waan ta’eef namni Waaqayyoo wantoota tartiibaan caqasaman hundaan ni fakkaata jedhame; (Iyo.28:36; Fkn.10:12; Faar.138/139/:5; 14; Luq.10:27; Hoj.13:22; Fkn4:23).[6]

   Akka walii galaatti namni foon isaa kan dhiise, hafuura qofaa miti, haafuura ta’u isaatiniis Waaqummaa kan qabu miti ykn Waaqayyoo kan ta’u miti. Namni yeroo hunduma nama; Waaqayyoonis yeroo hundumaa Waaqayyoo dha. Jaalalli fi Ayyaanni Waaqayyoo Gooftaa keenyaa Yasuus Kiristoos nu wajjin yaa ta’u. amen.
Itti fuufa …



 [1] Barattotni Kitaaba Qulqulluu jecha “Bifa” jedhu, Kakuu Moofaa keessatti yeroo kudha torba fayidaa irra oolu isaa ni dubbata. Kannenis kan gubbatti ibsamaniifi 2Seena.23:17, Faar.73:20, His.7:20, 16:17, 23:14, Amo.5:26 iddoo tokkotti kan hammatamani ta’u ni ibsu.
 [2] Galmee Jechoota Kitaaba Qulqulluu, Fuula.34
  [3] Maqaan Addaam jedhu afaan Hibruutiin lafa ykn diimina kan agarsiisu dha. Biyyee lafaa irraa tolfamuu isaatiin kan walsimuu dha. Beetotni Torbaataman “Antropoos” jedhani kan hiikan jechuma kana ta’e dhiiras ta’e dubartii qixatti agarsiisuudhaaf kan itti fayyadamani dha.
    [4]  faayidaa irra kan oole digdami shanan akka armaan gaditti kan caqasamuu danda’u dha; (Uma.1:26; 5:1: 3: 2Moot.16:10; 2Seen.4:3; Faar.58:4; Isa.13:4; 40:18; His.1:5,10,13,16,22,26,; 8:2 10:1,10,21,22,; Dan.10:16” (Paawloos Fiqaadu; ደ´ሞ የእግዚአብሔር አቻ ሆንን!?; kan hinmaxxanfamne.
[5] የመጽሐፍ ቅዱስ መዝገበ ቃላት፤ ገጽ.148
[6] መሠረት ስብሐት ለአብ(አለቃ)፤ ሥላሴ በተዋሕዶ፤ 1988 ዓ.ም፤ አዲስ አበባ፤ አሳታሚ Mekane Yesus Seminary Theological Literature fund,(ገጽ.171-172)

No comments:

Post a Comment