Monday 19 February 2018

Namni nama malee Hafuraa miti! (kutaa 2ffaa)


Please read in PDF

Barsiistootn Sochii Amantii(Faith Mov’t) waa’e namaa maal jedhu?
    Barsisootni Sochii Amantii (Faith Movement) namni hafuura ta’u isaa akkanatti ibsan;
  “Waaqayyoon yeroo Addaam Uumu akkana jedheen, ati DNA kiyya qabda, ana irraa baate waan ta’eef; …” (Ti. Di. Jeeks)

“Yeroon Kitaaba Qulqulluu[1] dubbisuuYasuus “ani dha” bakka jedhu hundatti anis seeqachaa(gammadaa) “eyyee, anis dha jedha” jedheen deebisa” (Keenet Kooplaand)

“Hundi isa kan dhalchu gosa akka isaati. Ilmi fardaa farad, ilmi adurree adurree dha, … kan Waaqayyoo irraa dhalatuus akka Waaqayyoo dha, … “ (Jooys Meeyar)

“… Waaqayyoon hafuura nama ta’e umame biyya lafaa irraa qopheesse, … kan qophesse, kan uume keessa kaa’e, hafuurri foon keessa gale jechuu dha. Lubbuu jechuun qaama 3ffaa ykn waan akkasitii miti…. Kanaaf namni eenyu? Yoo jedhame, hafuura dha, lubbuu qaba, foon keessa bula ken jedhu deebi dha. Namni foon, lubbuu dha hin jettu, namni eenyu? Yoo jedhame, namni hafuura dha…” (Bagaashaw Dassalany)[2]


 “ … Eeyyee ani namni akka Waaqayyooti kan jedhuun walii gala. Ragaalee Kitaaba Qulqullichaa nan qaba. dursa kan deemu jecha Uma.1:26-28 irra kan jiru caqasuuni. … bifti fi fakkaatiin sun gutumaan guututti Waaqayyoon akka fakkaadhu na godheera yaada jedhuun qaba. Garuu “detail” (gadi fageenyaan) deemuu yoo barbaachise; Gooftaan keenya Yasuus waa’e ofii ilaalchise wantootni dubbate nan yaadadha. Yoha.14:8 irratti … “ani fi Abbaan tokko dha” dubbiin ittiin jedhe akka yaada kiyyatti; Gooftaan Yasuus Kristoos ilma Waaqayyooti. Ilma Waaqayyoo jechuun immoo nama. Yaada nama biro dhiibuu hin danda’u. …”(Hayluu Yohannis)[3]

    Baruumsoota sobaa faallaa sagalee Waaqayyoo kanneen keessatii; wantoota(ilaalchoota) heddutuu walitti xaxamee ibsamee jira. Dhalachuunifi Umamuun walitti gudunfamani jiru, Waaqummaan gara namaatti gad bu’e jira, namummaan immoo gara Waaqummaatti ol guddateera, Umaan gara Umamaatti makameera. Akkeenyi Waaqummaa kanaa? Jennee hanga gaafanutti baruumsichi sirritti ifee mul’ateera.
   Baruumsa Kitaaba Qulqulluu halqara ala baasuun, halaqaraan alatti dubbisuufi harka micciranii humnaan hiikuun qaanyi tokkoon maletti ifatti mul’ateera. Kitaaba Qulqulluu keessa kan hinjirree fi baruumsi addaa, keessumaa fi kan walhinsimnee akka waan fudhatama qabutti dhiyeesuun hundee baruumsaa godhachuuf yaaduun cululuqee callaqisee jira.
Maddi Baruumsa Sobaa Kitaaba Qulqulluu keessaa wanti caqasu jiraa laata?
  Barsiisotni Sochii Amantaa adda durummaan dogogorri isaani kan eegaluu; Uma.1:26-28 fi  2:7 yeroo caqasanii barsiisani dha. Kunis umamni yeroo lamatti akka raawatametti amanan. Akka barsiisota kanaatti umamni yeroo lamatti kan umamuu danda’e; Waaqayyoon Uma. 1:26-28titti Waaqayyoon hafuura namaa qofa uume; 2:7 irratti immoo yeroo dheeraa booda biyyee lafaa irraa foon tolchee, hafuura gara foonitti galchee, jedhani barsiisu ykn amanuu. Kanaafis Uma. 1 fi 2 jiddutti waggootni miliyoonaan lakkawaman akka jiranitti ibsan.[4]
    Garuu barisootni sochii amantaa; baruumsi “namni hafuura dha; immoo hafuura waan ta’eefis gostis akka Waaqayyoo dha” jedhani; barsiisan gaaffilee hedduu kaasisuu danda’u. gaafilee kanninifis deebilee bu’ura Kitaaba Qulqulluu itti kennuus hindanda’an. Gaaffilee muraasa yoo dhiyeesine;
1.      Namni hafuura yoo ta’e, Uma.1:27 irratti qoodamni saalaa lubbuuf godhamee mo fooniif? Hafuurri(lubbuun) qoodama saalaa ni qaba jechuu dha?
2.     Waaqayyoon umama uume kan xumure guyyaa jaha keessati miti? Guyyaan jahafattis; “Waaqayyoo waanuma hojjate hundumaa ni ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture; galgallis ta’e, ganamnis ta’e; kun guyyaa ja’affaa dha.” (uma.1:31) akkasumas; “Bantiiwwan  waaqaa, lafti, wanti isaan keessatti argaman hundinuus egaa ni raawwataman.”(2:1) akka jedhametti; umamni guyyaa jahatti dhumu isaa nutti hima. Kanaaf akka isaan jedhanitti Uma.2:7 kan caqasame umama guyyaa meeqaffaati laata? Uma.2:7 irratti kan jiru ibsa Uma.1:26-28 moo umama guyyaa jahaan alatti ka uumame dha?
3.     Immoo Uma.2:7 umama ittiaansa Uma.1:26 yoo ta’e; Uma.5:3 irra kan caqasame umama guyyaa meeqaffaa dha laata?
4.     Uma. 1:26 irra kan jiru “namni hafuura malee foon hinqabu” jechuuf sababiin maali? Halaqarri(context) jedhaa laata? Kutaan kitaaba Qulqulluu biroo kana deegaruu jiraa laata?
5.     “namaan hafuura dha” yoo jennee; namaafi haafurri tokkoo moo waladdaa? Akka dubbi isanitti waladdaa dha. Kanaaf namaafi hafuura irra kamtu caala? Moo lameenu qixa laata?
6.    Immoo lubbun kutaa isa kamiiti? kan namaa moo kan hafuraa? Namni hafuura, lubbuu niqaba yoo jennee lubbuu kan qabu eenyu? Namicha moo hafuura isaati? Moo nama lubbuu qabu?
7.     Eenyummaa wajjiin walqabatee Qo’annoo jireenya Waaqayyoo (Ontology) jiddu gala godhannee Waaqayyoo fi Nama osoo walcina qabnee ilaallee, namni Waaqayyoo ta’u danda’a laata? Waaqayyoonis gara nama ta’utti gad bu’a laata? Lameen giduutti garuu walitti dhufeenyi tokkolee akka hinjirree qo’anichi ni kaa’a.
8.     Foon keessa kan bulu eenyu? Foon keessa kan bulu hafuura moo namicha? Foon keessa kan bulu hafuura yoo ta’e foon gaagura qofa ta’e jechuu dha? Gaagura yoo ta’e fayidaa tokkoole hinqabu jechuu dha?
9.    Namni Waaqayyoo kan ta’u haafura ta’e waan umameef moo Waaqayyoo irraa waan dhalateef? Barsiisota sochii Amantaatiif hafuura ta’e umamuunifi Waaqayyoo irraa dhalachuun bu’an isaa tokkoo?
10.   Bifti Waaqayyoo Hafuura yoo ta’e; haafurri immoo Waaqayyoo Yoo ta’e, nutis hafuura waan taaneef Waaqayyoon taana jechuu dha? ... fi gaaffilee kanneen biroo kaasu dandeenya. Gaaffilee kanneni fi biroos barsiisotni Sochii Amantii deebii bu’ura Macaafa Qulqulluu qabu akka hinqabne ifaafi gala.  
    Kanaa gaditti immoo Bifti fi fakkaatiin Waaqayyoo maal akka ta’e; Uma.1:26-28 fi 2:7 bu’ureefachuun jecha Waaqayyoof looguun ibsina. Waaqayyoon Hafuura Qulqulluu baruumsaa sobaa irraa eenyumaa keenya hunda yaa nuuf eegu. ameen.
Itti fuufa …



   [1] Kitaaba Qulqulluu fi Macaafa Qulqulluu giddutti garaagarumaan akka hinjirre fi lameenu “Holy Bible” kan jedhu ibsan waan ta’ef፤ waljijjiiraa yoo fayyadamee hiika adda addaa akka hinqabne akka naaf hubatamu dhiifama wajjiin gaafadha.
   [2] Bagaashaw Baruumsa kana kan barsisee mag. Hawaasatti yoo ta’u, baruumsichas Uma.1:26-28 irratti bu’urefatee kan barsiise dha.
[3] Hayluunis baruumsicha kana kan barsisee sagantaa Teeleviziyoona EBS, Yuutuyubi fi sab qunnamtilee adda addaatiin baruumsicha ballinaan barsiisuudhaan beekama.
[4]  Saayinsii hammaayatti yaadni qorannoo kun “yaada qorannoo Addaana fageenyaa” (gap theory) jedhamee yaamama. Kunis Waaqayyoon Uma.1 irratti hafuura namaa erga uume booda waggoota dheeraa erga dabarsee booda immoo; biyyoo lafaa irraa Uma.2 irratti foon tolchee; kanaaf yeroon addaan fageenyaa kun umamee jedhan; barsiisootni Sochii amantaa yaada qorannoo kana baruumsa isaanitiif itti fayyadamu.
  Barsisootni Sochii amantaa fi warroota yaada qorannoo kana tarkaanfachiisan giddutti itti fayyadama baruumsicha wajjiin walqabatee; garaagarummaan akka jiru hubachuun ni danda’ama. Barsiisootni yaada qorannoo kanaa Uma.1 fi 2 gidduu garaagarummaan ni jira kan jedhan; Uma. 1:2 dachiin “duwwaa” fi “dukkanni” callabboo gad fagoo irra jiraachuu kan ibsu; Waqayyoon umama akkuma umeen yeroo sanitti Seexanni seeran alatti umama baasuun akka balleesse; sababa balleesenis Waaqayyoon akka itti murteesse baruumsa barsisuu dha.
    Barsiisootni Sochii Amantii garuu; seenicha kan itti fayyadaman umama namaa wajiin baruumsa haarayaa kan ibsuuf ykn ittiin falmuuf qofa fakkaata. Kunis Waqayyoon Uma.1 irratti hafuura namaa umee “yeroo bayyee” erga turee booda(yeroo turtii isaa waan hinkenyeef) foon namaa biyyoo lafaa irraa umee ykn tolche jedhani barsisuu. Mala dhahiinsi lameenu garuu fuullee ykn ija kitaaba Qulqulluutiin fudhatama hinqaban.
    Barsiisootni yaada qorannoo ilaalcha isaani kana keessaati;
1.      Seenaan umama guyyaa jaha jalaqaba hojii Waaqayyoo akka ta’e hinfudhatan. Sababiin isaas guyyaa duraatiin umamni kufee ykn badee jira waan ta’eef. Bakka diyaablositti Addaam umamee jira yaadni Bataskaana Ortodoksii kana wajjin walfakkaachuu hinoolu.
2.     Waaqayyoon yeroo umama uumu wanti umame hundi gaarii ture kan jedhu sirri miti jechuu dha; sababni isaas; “Waaqayyo waanuma hojjate hundumaa ni ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture;” (uma.1:31) yoo jedhu; umamni yoo umamu gaarii ta’u isaa agarsiisa waan ta’eef.
3.     Umama guyyaa jahaa keessatti; waa’e kufaatii umamaa wanti ibsu kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa tokkolee hinjiru.
4.     Kitaabni Qulqulluu waa’e kufaatii umamaa kan ibsu; erga umamni umamee xumurame booda akka ta’e ni ibsa.
5.     “Bantiiwwan  waaqaa, lafti, wanti isaan keessatti argaman hundinuus egaa ni raawwataman.”(2:1) kan jedhu guduunfaa boqqonnaa tokkooffaa yoo ilaalu; baruumsi kun sirri yoo ta’e; seexannii fi hordooftonni isaa umama gidduu ni turanii yaada jedhuu kaasisa. Isaan ni jiran taanaan immoo; “wanti uumame hundi gaarii ture” jechuun hindanda’amu. 


No comments:

Post a Comment