Wednesday 21 May 2014

“Innoo ka’eera,asi hinjiru.” (Mat.16:6)

Please read in PDF

Goftaan IYesus Kirstos irra-daddarbaa fi cubbuu ilmaan namaa baadhachuudhaan fannoo irratti fannifameera. kanas barreesitootni wangeelaa sagalee tokkon mirkaneesaniru. (Mat.27:35,Mar.15:25,Luq.23:33,Yoh.19:18).duu’a fi dhiignii Goftaa IYesuus biyya lafa tanaafi ilmaan namaa hundaaf baayyee barbaachisaa dha. Sababn isaas dhiiga osoo hindhangalaasin dhiifamuun cubbuu waan hinjirref.(Ibr.9:22)
     Ilmaan namaa bittaa cubbuufi waanjoo seexanaa jalaa gaarummaa fi hojii isaaniitiin bilisa ba’u hindandeenye. qajeelummaatti fi hojiin gaariin keenya sababii cubbuu irra kan ka’een akka huccuu abaarsaatti ta’e (Isa.64:6) nuti  hundinuu karaa Waaqayyoorraa gorree ture. (Rom.3:12) kanaaf cubbuu nama tokko irraa kan ka’een gara biyya lafaa hundatti duuti dhufee. akkasumaas namootni waan yakkaniif du’i sanyii namaa hundaa walga’era.(Rom.5:12)
   Biyyii lafaa hundii abdii dhabee, du’a fi dukkanaan marfamee, seexanni bittaasaa yeroo babbal’ifatee jirutti, namni aarsaa hoolaa fi jibbichaa dhiyeesuus  gatii lubbuusaa wajjin waan walhinmadaaleef … baraarsa cubbuu fi nageenya sammuu waan argachuu hindandeenyeef Waaqayyoon ilmowwasaa hunda akkanumatti  waan nu jaalateef nu kenneera.(Yoh.3:16)

   Gooftaan keenya IYesus jaalala ilma namaarraa kan ka’een fannoodhaan Qaraniyoorratti fannifameera. dhiiga fannoo irraa kan ka’eenis … utuma(osuma) nuti cubbamoota taanee jirruu; Kirstos nuuf du’u isaatiin hammam akka nu jaalate ni agarsiisa. kanaafis amma nuti dhiiga isaa isa dhangala’een qajeelota erga taane; hangam caalaatti isumaan immoo dheekamsa Waaqayyoo jalaa ooluf jirra! (Rom.5:8-10)
   Eeni! Du’i IYesus kabajamaa fi adda ta’us yoo inni warra du’an keessaa hinkaane dhumni isaa haalaan gaddisisaa ta’a ture. garuu du’a mo’atee warra du’an keessaa ka’u isaatiin inni harka du’a jalatti qabamee turu akka hindandeenyeefi ilma Waaqayyos ta’u isaa mirkaneeseera.(Erg.2:24,Rom.1:4)
    Sanbatni erga darbee Maryaam ishee Magdalaa,Maaryaam haati Yaaqobiifi Saloomeen; qaama(dhaqna) IYesus dibuudhaaf urgooftuu(shittoo) bitatanii bariidhaan bakka awwalicha dhaqan. Cimini fi amantiin haadholee kanaa bayyee nama dinqisiisa(aja’ibsiisa). yeroon isaa yeroo namni itti sosso’u miti, awwalichi Gofataa IYesuus Kirstos miseensootni waraanaa Roomaatiin cimsanii eegamutti jira, yeroo sanatti namni Yesus wajjin argame ykn deegaree ni ajjeefama … isaan garuu kana hunda osoo tilmaama keessa hingalchin gara iddo(bakka) awwalchaatti dhaqaniiru. Jaalalli dhugaa sodaa du’a ni darba. Naannoon isaanii hundii sodaachisaa ta’us isaan garuu Goftaa IYesus malee wanti isaan duratti mula’atu tokkoleen hinjiru. Eeni! Addunyaa Waaqayyoo kan argachuu dandeenyu sodaa nannoo keenyaan bitamuu jalaa baane yoo ijaa fi sammuu keenya gara Waaqayyootti goone dha.
   Yeroosaan bakka awwaala bira ga’an … sagalee … isiin IYesus nama Nazireet isa fannifamee ture barbaadu; inno ka’eera, asi hinjiru. ilaa, iddo isaan isa cibsanii turan iyyuu! jedhu dhaga’an.(Mat.16:5-7) Goftaan keenya mallatoon isa adda. kan fannifamee dha. Ergamaanis kan jedhe kan fannifamee dha. Inni mallatoon isaa kan fannifame taanaan; nutis jiruu isaa kan jiraanufi faanasaa kan hordoofnu yoo ta’e mallatoon keenyaas fannoo ta’u qaba. kunis jiru cubbuutiif duune jiruu inni jaalatuuf jiraachuu jechuu dha. garuu yeroo bayyee nuti fannoo keenya irraa bu’udhaan yeroon nama arrabsinuu,qoccolluu,hinaafinu,machooynuu,sirbinu,sobaan yeroon yaakkinu … bayyee dha.namni fannoo irra jiru garuu hojii kaneenif kan du’e ta’u qaba.(1Phe.2:24)
   Goftaan IYesus fannifamee ture ka’eera. fannifamuu isaatiin nuti jiru bara baraa arganneerra. Ka’u isaatiin immoo wabummaa du’u dhabuu argachuun jiruun bara baraa nuuf mirkanaa’era. Qabxiin biraa immoo yeroo duraatiif awwaalli duwwaa daawatame kan Goftaa IYesus qofa ta’usaati. sana duras ta’e sana booda awwaalii duwwaa daawtamee tokkoolee hinjiru!!! Eeni! innoo ka’eera ; nutis cubbuuf duune hojii gaarummadhaaf yaa kaanu.

Jaalalli Gooftaa IYesus Kirstos nu hundumaa wajjin yaa ta’u.ameen.   

1 comment: