Saturday, 26 April 2025

Furiin dhugaa Yasuus malee hinjiru!

 Please read in PDF

Jechoota gurguddoo dubbii Waaqummaa keessaa inni tokko Furii dha. Kakuu duraa keessatti qabeenyi lubbuudhaaf furii ta'e caqasameera (Fkn. 13:8); warri Israa'el lafa ykn mana isaani erga gurguratan booda furii gochuudhaan deebisifachuu danda'u ture (Leewo. 25:24-34). Raajiin Muuseen ummata Israa'el gabrummaa Gibxi jalaa sababa bilisa baaseef furii ykn bilisa baasaa ta'eera ykn jedhamee yaamameera. (Ho. Erg. 7:35).


Kana irraa kan ka'een hiikni furii, (1) waan qabamee gad lakkisisuuf ykn deebisisuuf gatii kafalamuu; (2) beenyaa (3) jijjiiraa jedhamee hiikamuu danda'a. Isaan kun hundi  garuu gaadiduudhaan kan tajaajilan malee isaa furii dhugaa fi dhumaa miti.

Goftaan Yasuus Kristoos garuu warra isatti amanan hundaaf furii dhugaa ta'e mul'ate (Mar. 10:45; Room 3:24; Efe. 1:7; 1Ximo. 2:5-6; Hibr. 9:13). Furii ta'uudhaafis wantootni armaan gadii akka dirqamaatti ka'aamu;

1.   Qaamni tokko furii namaaf ta'uudhaaf, matummaan isaa idaa kaffaluu fi broo irraa bilisa ta'u qaba. Yasuus cubbu kan hinbeeknee waan ta'eef idaa cubbuu nurraa kafaluu danda'a,

2.   Furii ta'uudhaaf akka keenya ta'u qaba. Foon uffachuun Goftaa Yasuuf kanaaf ture,

3.   Waaqayyoo gadiitti cubbuu namaatiif furii kan ta'u danda'u tokkolee hinjiru. Sababni isaas murtoo du'a kan nurratti dabarsee isa. Murtoo dabarsee kana kan nurraa furuus isa malee kan biraa hinjiru.

Kanaafis cubbuu raawanneef du'a kan nuratti murteesse innumtii furii nuuf ta'e nu fayyisee. Maqaan isaa yaa ebbifamu. Dhugaan kana yoo ta'e furiin nuuf raawatamuu isaatiin maal argannee? kan jedhuuf;

1.   ammaaf Dhiifama cubbuu  arganeerra; guutumaan guututti  immoo dhufaati 2ffaa Kristoosiin arganna (Room 8:23)፤

2.   Cubbuu mo'achuudhaan Kristoosiin duuka bu'udhaaf mana Hafuura Qulqulluu taaneerra;

3.   Kana irraan kan ka'eenis gara boqonnaa Kristoositti galleera. Kanaaf furii arganneen dhiifama cubbuu argachuudhaan jireenya hinduune Kristoos wajjiin arganneera.

Eegaa Kristoosiin alatti uumamaan kamuu furii cubbuu ta'u hin danda'u; Kristoos garuu "... jireenya isaatiif muummee ka hin qabne ta'uu isaatiin... "(Hib. 7:16) furii bara baraa warroota isatti amananiif ta'eera.

"Jaalala addaan hin cinneen Gooftaa keenna Yesus Kristosiin warra jaalatan maraaf, kennaan isaa ka bilisaa isaaniif haa ta'u." (Efe. 6:24)

No comments:

Post a Comment