Tuesday, 12 June 2018

Namni nama malee Hafuraa miti! (kutaa 4ffaa)


 Kitaaboota Qulquloota yemmuu qorannuu Kakuu Duraanii keessattis ta’e kan Haarayaa keessatti hiikni isaani kan wal fakkaatu ta’u ni hubanna. Kutaan Haal qara waliigala Seera Umamaa; Namni Waaqayyo irraa malee namni ofii isaatiin Waaqayyo akka hintaane, Maddi namaatifi argamni namaas Waaqayyo irraa malee namni akka Waaqayyo durummaa(eternal)kan hinqabne ta’u ifatti ni kaa’u. keessattu jechootni “Bifa fi fakkaatti” jedhan hiikni isaani faalla’e (faalla ta’e) hiikama.

  “Bifa fi fakkaatti” jechoota jedhaman ilaalchisee Abbootiin amantaa durii yaadota adda addaa qabatanii jiru; abbootiin tokko tokkaa maaliin keenya sirritti akka isa fakkaatu kan ibsame miti jedhan. Abbooti tokko tokko keessaa garuu; yaada kana akka armaan gadditti ibsani jiru; Iraaniyasii fi Tartuuliyaan abbootiin jedhama, bifti; kutaa fooni namaa; fakkatiiin immoo kutaa hafuuraa namaa jedhan. Qaleeminxoos Kan Aleeksandariyaa, Origan, Atinaateewos, Ambroos, Awgisxinootisifi Yoohannis isa Damaaskas immoo bifa akkeenya namaa kan fooni hintaane, fakkaatti kutaa namaa akka qulqullumaa ykn amala gaarii guddachuu danda’u jechuun ibsaniiru. Toomas Akuyinaasis bifti kutaa uumama namaa kan akka dandeetti yaadu fi bilisummaa, fakkaattin immoo inni guddaan uumamaan qajeelummaa fi kennaa uumamaa ol ta’e, kunis yeroo kufaati cubbuudhaan kan bade yoo jedhan; abbootiin haarawamsa booda dhufan immoo jechootni lameen hiika gara garaa kan hinqabne ta’u ibsanii jiru. Kanaafis beekumsa irraa qoode beeku, amala gaarummaa, aangoo bulchuu bakka bu’ummaa kan qabu ta’u isaa barsisootni Kitaaba Qulqulluu yaada tokkoon irratti waliigalu.

 Dhugumatti; yaadni abbootii amantaa hundinuu “namni hafuura ta’u fi Waaqayyoo wajjiin qixa ta’u” isaa barreefamoota isaani keessatti wanti ibsan tokkolee hinjiru. Yeroo ibsanis ta’e barreessan bifa fi fakkaatiin hiika garaa garummaa qabuun dhipatee argatuus namummaa gatuudhaan gonkumaa gara Waaqayyootti kan dhiyaate miti. Jechoota lameen gidduus hiikni garaa garummaa ykn wal faallessuu gonkummaa kan hinjirree dha.
 Namni kallatiidhaan Waaqayyoon kan uumame malee uumaa akka hintaane ifatti beekamuu qaba. Waaqayyoon uuma yoo uumu nama bifa addaatiin uumus; akka uumama biroo gosa gosaan osoo hin taane; dhiiraa fi dubartii godhee kan uume ta’u; namni kabaja Waaqayyotiif kan uumame … ta’u kutaan Seera Umamaa sirritti ni caqasa. Garuu “bifaa fi fakkaatti” jechootni jedhamani ka’aman, “namni hafuura” warri jedhan haalli ittiin caqasan sagalee Waaqayyo wajjiin kan wal simu miti.
  Kanaaf bifa fi fakkaati jechoota jedhan yoo ilaalu Uma. 1:26 irratti tokkumaan kan caqasaman yoo ta’ees; hiikni jechoota lameeni garaagarumma kan hinqabne ta’u barsisootni kitaaba qulqulluu ni ibsan. Kana Qees Koolin akka armaan gadittii akanatti ibsani jiru;
Boq. 1:26 lameenu bakka tokkotti argamu; boq. 5:1 irratti “bifa” kan jedhu yoo argamu, boq. 9:6 “fakkatti” kan jedhu qofatu barra’e. boq. 1:26 irratti “akka bifa fakkaattitti keenyatti” yoo jedhu garaagarummaa firoomsii tu mula’ata. 5:1 fi 9:6 irratti garuu “bifa Waaqayyo” fi “fakkaatti Waaqayyo” jedhuus garaagarummaan yaada waan jiru hinfakkaatu. Immoo Addaam ilma “akka bifa fi fakkaatti isaatti” dhale waan jedhuuf “fayyadamni firoomsiilee waan jijjirameef, jijjiramuun yaada addaa kutaale kannen irratti ni agarsiiaa jedhamee barsiisuuf sababiin waan jiru hinfakkaatu. Uma. 5:3 . Hara’a Hayyoonni Kakuu Duraani fayyadama Seera Uumamaa irratti hiikni jechoota lameeni tokko ta’u ni barsiisan. Kun yoo sirri ta’e; barreessaan jechoota lameen sababiin fayyadame xiyyeefannaa addaa kennuudhaaf.
   “Yaa uumnu” jechi jedhuus; Waaqayyon uumuun duratti nama uumuudhaaf gorsa addaa kan qabu ta’u ni agarsiisa. Namni bifa fi fakkaatti Waaqayyotiin uumamuu isaatiin Waaqayyo fi Nama gidduu tokkumaa fi garaagarummaan jiraachuu isaa malee tokkuumaa dhuma hin qabne kan hinjirree ta’u ifa ta’u fi beekamuu qaba. Namni Waaqayyo wajjiin walitti dhufeenya qabuun eebba Waaqayyo kan fudhatu; fedha Waaqayyo kan kan hubatuu fi fedha isaas kan raawatuu ta’eti agarra. Kanaaf namni Waaqayyo wajjiin akka wal qunamuu uumame. Yeroo duraatiif warri sagalee kana fudhatan [ Ummatni Israa’el] “bifa fi fakkaatti” jechoota jedhan kan hubatan, bakka bu’a Waaqayyo ta’u isaa malee namni hafuura ta’u isaa hin ibsu.
   Warroota Waaqayootti hin amannee hubannaa akkanaa akka qaban arguu dandeenya. “kanas Waaqayyoon akka isaan barbaadaniif, qaqqabataniis akka isa argataniif godhe; amma illee Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti. Nuyi isatti ni jiraanna, ni sochoona, ni argamnas; isin keessaa iyyuu warri walleen akkuma jedhan, ‘Nuyi immoo sanyii isaa ti’.” (Erga. 17:27-28) jechuun; yaada ogeessoota lameeni kaasuun; ergamaan Paawloos namootni hundi Waaqayyo irraa Waaqayyoof kan ta’an ta’u falaasamoota Ateenaa jiraniif hime. barresitootni hundis dhugaa kana cimsuun barreesani jiru.
   Waaqayyoon uumama namaa uume kan xumuree Uma. 1:26-28 irratti. Uumamnis hundi uumamee kan xumurame boqqonnaa tokkoffaa irratti. “Waaqayyo waanuma Hojjate hundumaa ni ilaale; kunii, innis baayy’ee gaarii ture; galgallis ta’e, ganamniis ta’e; kun guyyaa ja’affaa dha.& (1:31). Waaqayyo guyyaa nama uumetti; “Waaqayyo isaaniin, “Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa, isas harka galfadha” (1:28) jechuun; eebba kan kennee isaan lameeniif (Addaami fi Heewan) dha. Kanaafis foon uumame hinxumuramnee ykn hafuura qofa kan ta’e eebbiseera jechuuf ragaa kamiyyuu Kitaaba Qulqulluu irraa hinargannuu.
 Dubbii Waaqummaa Kiristaanummaa keessatti uumamni kan uumame xumurame guyyaa jaha keessatti akka ta’e ni amanama. Waaqayyoon wantootni hundi gaarii akka ta’an qofa osoo hin taane; wantootni hundi tokkumaan argamani wal simuudhan kan jiraatanii fi walitti bu’iinsa tokkoon malee kan waliin jiraatan ta’u; kaayyoo Waaqayyo kan raawatan ta’u; “Waaqayyo waanuma Hojjate hundumaa ni ilaale; kuni, innis baayy’ee gaarii ture;” sagaleen jedhu ni cimsa. Guyyootni jahaas boq. 1 keessatti haguugamee kan kaa’amee dha.
   Waaqayyo uumama biroo akka gosa isaanitti kan uume malee akka namaatti, “dhiiraa fi dubartii godhee uume” jedhamee hinibsamne. Kanaanis namni uumamni isaa uumaa biroo irraa kabaja guddaan uumamuu isaa agarsiisa. Dhiiraa fi dubartii ta’ani kan uumamanii fi uumamni isaanitiis kan xumuramee kutaa kanatti ta’u isaa agarsiisa. Sababiinis hafuurri haala kaminuu dhiiraa fi dubartii jedhamee saalaan kan qoodamu danda’u miti. Kanuma wajjiin walqabatee bifti fi fakkaatiin Waaqayyo uumamuun isaa Kitaabni Qulqulluu kan agarsiisu; qajeelummaa fi Qulqulluumaan (Efe. 4:24), Beekumsaan (Qolaa. 3:10) … kan mulli’isuu ta’uun alatti; ofii kenyaan hiika kanaan wanta hinsimnee yoo itti kenninee, sagalicha irratti daballee jirra waan ta’eef nuti kijibdoota [sobdoota] dha (Fkn. 30:6). Waaqayyon waan akkanaa kanaan akka isa fakkaanu waan nu yaameef bayyee jalatamnee jirra waan ta’eef gammaduu qabna. Nageenyi fi jaalalli Gooftaa keenya Yasuus Kiristoos nu wajjiin yaa ta’u. ameen.


Itti fuufa …  


2 comments:

  1. Enter your comment...Waaqayyoon si wajjiin yaa ta'u jabaadhu

    ReplyDelete
  2. bemesekelu yefesesew dem kekifu yitebkh. slante getan amesegnalew.

    ReplyDelete