Seensa
Jaarraawwan dheeraa duraan eegalee “Namni
eenyu ykn maali?” gaaffii jedhuuf; deebiwwan adda addaa fi walfaallesan
kennamaa turaniiru. Deebiwwan tokko tokkoo nama gara hooritti kan gad buusan
yoo ta’an, tokko tokko immoo nama gara faallaa eenyummaa isaatti kan geesanii
dha.[1]
Hiika eenyummaa namaa ilaalchisee irra
caalaan foon isaa wajjiin walqabsiisani hiika itti kennuun; namni jiruu fi
jireenya biyya lafaa kanaa alatti akka hinqabane yoo ibsan; isaan kaan immoo
Waqayyoo wajjiin walitti hidhuun waggootan kan dhuma hinqabnee fi jiraataa bara
baraa godhuun kaa’u. Haata’uti Waa’e uumama namaa kan dubbachuu danda’u kan isa
uume ykn argamsisee qofa dha.
Ka’umsa uumamaa ykn ummamummaa namaa
sirrittii beekuu dhabuun gara Waaqayyoo dhugaatti fuula keenya akka gara
hingalchinee nu taasisuu danda’a. kanaaf
eenyummaa ofii akka Waaqayyoon nuun jedhu qofatti beekuun karaa hubbannaa fi
bayyee gaariis dha. Barsisootni Sochii Amantii (Faith Movement) garuu
eenyummaa namaa hafuura qofa akka ta’e barsisuun Waaqummaas akka qabaachuu
danda’u ni ibsu; garuu kun akka hintaane Macaafa(kitaaba) Qulqulluu madda
godhachuun baruumsichi kan sagalee Waaqayyoo akka hin taane ni saaxilla.
Namni eenyu?
Kitaabnni Qulqulluu waa’ee enyummaa namaa
ykn maalummaa namaa gabaabse garuu ifatti kaa’a. Kitaabni Qulqulluu waa’ee
namaa kan ibsu;
1.
Uumaan uumama irraa adda ta’u;
2.
Namni Kan uumame ta’u;
3.
Kan uumes Waaqayyoo ta’u;
4.
Namni uumama keessaa tokkoo ta’u;
5.
Namni yeroo uumamuu wantoota lama ykn sadii
kan of keessa qabu ta’u fi dhugaalee biroos kan ibsu ta’u isaati.
“Kana booddee
Waaqayyo, kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama ni
umnaa! ... Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti
isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume;”
(Uma. 1:26-28)
|
Waaqayyoon bantiiwwan waaqaa fi
biyya lafaa kana hunda uume kan xumure guyyaa jaha keessatti qofa akka ta’e;
Seerri Umamaa boqqonaan tokko fi lama ifatti ni kaa’a. namnis uumama kanneen
keessaa isa tokko dha malee; innis uuma ykn Waaqayyoodhaan haala addaatiin
haalli qixxee ittiin ta’u ykn ol guddatee ta’u ittiin malu tokkolee hinjiru.
Barsisootni Sochii
amantii(Faith Movement)[2]
Kitaabni Qulqulluu “namni fooni(biyyoo lafaa) fi lubbuu ykn hafuura qaba”
baruumsa jedhuu gonkumaa hinfudhatan. Faallaa kanaatinis; “namni haafura,
lubbuu ni qaba, foon keessatti jiraata.”[3]
Jechuun barsiisan. Baruumsa kanaanis maalummaa biyyoo lafaa uumama namaa;
guutumaan guututti waakachuun, walitti dhufeenyi fooni fi lubbuu ykn hafuuraa
kan hinjirree ta’u ifatti ni lallaban.
Duuba baruumsa kanaa ykn dhuma
irratti bu’a maal buusuuf baruumsicha kana barsisan? jennee sirritti yoo
qoranneen alatti; baruumsichi faallaa jecha Qulqulluu Waaqayyoon ta’u isaa
sirritti hinhubbannu. Kaayyoon baruumsa Sochi amantaa(faith movement) guddaan
“namni Waaqayyoo akka ta’e” namaan wal barsisuu dha.” Kana garuu ifatti
hinjedhan. Hanga danda’ametti namni isaan hordofuu hundinuu ijaa fi onnee isaa
sakaale duuba isaanitti hanga hiriirutti baruumsicha walxaxuudhaan beekaman.
Namni yomiyyuu taanan nama
malee foon qofa ykn hafuura qofaa miti. Namni waan nama isa jechisiisu fooni fi
lubbuu ykn hafuura of keessaa qaba. Uumamni isaatiis bifaafi fakkaatti
Waaqayootiin kan Uumamee dha. Bifaati fakkaatiin Waaqayyoo maali? Namootni
wangeela soorumma(Prosperity Gospel) barsiisan “namni hafuura dha” jechuuf maal
hirkatan laata? Kutaa itti aanutti biyya alaa fi biyya keenya keessaa namootni
baruumsa wangeela soorummaa kana hordofan eenyu fa’a akka ta’aniifi baruumsi
isaanis faallaa Wangeela dhugaa akka ta’e; kitaaba qulqulluu bu’ureefachuun ni
ilaala. Waaqayyoon Hafuura Qulqulluu baruumsa sobaa irraa sammuu fi onnee
keenya yaa nuuf eeguu. ameen.
Itti fuufa …
[1]
Deebiwaan
kennaman keessaa Chaarlis Daarwin sayiinsii jijjirama suuta suutaa(Evolution)
jedhamuun, namni ykn uumamnii akka waliigalaatti yeroo murtaa’a keessatti kan
argame miti . waggoota miliyoonan lakkawaawamu keessatti suutaan adeemsa
keessatti kan argame dha. Karaa birootiin uumamni guyyoota jaha hincaalle
keessatti guutumatti ni argama jedhee hinfudhatu.
[2]
Moggaafama maqaa kana kan argatan; baruumsa barsiisan irraa kan ka’eeni.
“Waaqayyoon amane sagalee baase dubbateen waan hunda raawatee kanaaf namni
kamiyyuu yoo amanee waan amanee sana dubbatee waan hunda raawachuus argachuus
danda’a” sababa jedhaniif moggaafama kana kan argatan yoo ta’u; Soorummaa
irratti xiyyeefannaa guddaa kennan waan ta’eef; “barsiisota Wangeela Sorummaa”;
sagalee irrattiis bayyee hirkatuu waan ta’eef “Barsisoota amantaa sagalee”
jedhamaniis waamamuu. Moggaafama kana haala kamiin akka isaanitti moggaafamee
fi hundeen baruumsa isaani maal akka ta’e Humna Waaqayyootiin fulduratti tartibaan
kan waliin ilaalu ta’a.
[3]
Baruumsa
kana barsisootni Sossoochii Amantaa(Faith Movement) hundi qube takka keessaa
osoo hindagatin barsiisu. Keessattu abbaa barumsichaa ken jedhamaa beekamuu
Keenet Hegeen namni jedhamu baruumsicha;
“Man
is a Spirit who possesses a soul and lives in a body.” (Hagin,Kenneth E.; “Man
on Three Dimension” Vol. 1 of the spirit, soul and body series 18th printing;
Tulsa; Kenneth Hagin Ministries; 1994 pp.8) jedhee ibsuu isaatiin beekama.
obbolessa koo Abenezar akkam jirta. Negeenyi gooftaa Yasuus si wajjin yaa bulu. Jechi Waqayyootiin horii buli. Akka yaadaatti wanti siif dhiyeesu "sossochi amantaa" jechuu irra sochii amantii qofa jechuun hiika dhiysate fakkata.kan!f barrefama kee keessatti ossoo jijjiirte gaari dha. Amariffaan kan dhiyeessaa turte gara Afaan Oroomotti jijjirte dhiyesuun kee bayye gaari dha. Wangeela Yasuus gooftaa keenyaf of kennite hojjachuu keetiin itti fuufi. Harki saa si ya gargartu
ReplyDeletemaraaataaaaaa
ReplyDelete