Please read in PDF
Waaqayyoon “akka bifa keenyaatti, akkaa
fakkaattiis nama ni umna” dubbi jechuu isaa(Uma.1:26-31)
Kutaan kitaaba
Qulqulluu kun namni bineensa lubbuu qabu irraa “haa ta’u, haa ta’u” jedhee Waaqayyon
akka hin uumne agarsiisa. Inumayyuu kabajaafi jaalala guddaan harka isaatiin
kan tolchee, kanas immoo bifa fi fakkaatti isaatiin uumu isaa ni agarra. Waaqayyoon
akkeenya(dhaqna Hafuraa) isaa akka callaqisnu uumama keenya keessatti ibsuun fedha
isaa ibseera. Kanaanis namni bineensa kamiyyuu irraa adda ta’u isaa hubachuu
dandeenya. Sagalee Waaqayyoo sirritti hubbachuudhaaf sagalicha warri dura
dhaga’e maal akka hubatee sakkata’uun bayyee barbaachisaa dha. Warri dura
hubatee waan hubateen alatti; nutis addatti wanti haarayatti hubannu tokkoleen
hinjiru.
Jechi “bifa” jedhu afaan Hibruutiin “Tseelem”
jedhama; hiikni isaas fakki ykn suura kan agarsiisu dha. Jechi kun waaqayyoolli tolfamani fi wantoota biroos
ibsuudhaaf dubbisa Kakuu Moofaa iddoo adda addaatti oole jira. Sagaleewwan armaan
gadii laaluun sirritti hubbachuudhaaf bayyee nu gargaara. (Uma.1:26: 27: 5:3: 9:6, Lakk.33:52, 1Sam.6:5: 11: 2Moot.11:18:
Faar.39:6.)[1]
“Macaafa Qulqulluu keessatti waan armaan gad jiran ni agarsiisa. 1) Akaakuu,
dhaabbi fi boca (2Sam 1$:20; Isa 52:14; 53:2; Dan. 2:31 Mat. 22:20). 2) akka
Gaaddidduu yookiin, fakkeenya waan biraa qabaachuu (Uma 1:26; Rom 8:29 1Qor
3:18; 2Xim 3:5) fakkeenya dhugaa ibsuu kan danda’u dha (Flip 2:6,7)”[2].
seensa jechicha haala waliigalaatiin yoo ilaalu Waaqayyooliin tolfaman ilaalchisee
fakkenyummaa malee akkeenyummaa ykn naamusaan ykn qaamaan kan wal fakkaatu ta’u
ykn hidhamiinsa qabaachuu wanti agarsiisu tokkoleen hinjiru. Sababiniis
fakkatiiwwan lubbu dhabbeeyi yoo ta’an kan fakkaatiidhaan ibsame immo ykn
qaamni isaa foonifi dhiiga kan qabu waan ta’eef.
Ilaalcha birootiin immoo; baruumsa foon
uffanaa Kiristoosiin Kayyoo addaa Waaqayyoon ilmaan namaa fayyisudhaaf jecha;
Kiristoos Waaqqayyoo ta’e osoo jiru, foon namaa akkamitti akka uffate fi dabalee
yoo ilaaluu gocha fakkaatitiin raawatamee osoo hin taane; dhugumatti nama akka
ta’e ni hubbana. Kun garuu nama fayyisuudhaaf addatti kan raawatamee Kaayyoo
Waaqayyumaati malee uumama keenya wajjin tokko wanti nu jechisisuu tokkoleen
hinjiru. Adeemsa uumamaa keessatti namaa fi Waaqayyoo jiddutti haala dhiphaa
ta’een walfakkachuun ni jira. Kana jechuun garuu namni akka Waaqayyooti, gosa
tokko dha jechuu miti.
“Fakkaatii” jecha jedhu afaan Hibruutiin,
“Deemut ykn Daamat”[3]
kan jedhu yoo ta’u; yeroo digdami shan hin hanqaneef Kitaaba Qulqulluu Hibruu
keessaatti cqasamee jira.[4]
Hiikni isaas fakki ykn akka (madaallin kan ilaalamu) jennee hiiku dandeenya.
“Namni
fakkaatti Waaqayyootiin uumameera yoo jennu; fkn, Waaqayyoon hafuura waan
ta’eef fakkaatiin isaa qaama isaa irratti kan mula’achuu danda’u lubbuu(nabsee)
isaa irratti malee foon isaa irratti miti. Dhugaa dha; Kitaabni Qulqulluu
Waaqayyoon ija, gurra, harka … kkf ni qaba jedha. Haa ta’uti jechoota akka ibsa namaatti
hojiilee Waaqayyoo ibsuuf kan jedhame malee akkenya isaa guututti kan ibsu
miti.”[5]
Kutaalee ibsinee keessatti akkenya guutuu ykn tokkumaa hin hiikamne kan
agarsiisu miti. Haala madaallitiin walfakkaachuudhaan kan dhiyaatee malee
garaagarumma haala hinqabne kan ibsame ta’u hin agarsiisu. Hayyuun Masarat kana
yoo ibsan akkanatti ibsan;
“Namni bifa fi
fakkaatti Waaqayyootiin uumame jechuun maal jechuu dha? Eeni; bifa fi
fakkaatti, gosti namummaa maal akka ta’e jechama ibsu ni qaban waan ta’eef,
waa’e gosa jireenya nammummaa isa gaafachuu fi hubachuu akka barbaachisuu ifa
ta’e ni mula’ata.
Dhaabni Namummaa
maali? Yoo jedhame; haala salphatti(laayyotti) hiikuudhaaf, namni akka bifa
fi fakkaatii namaatti uumamuuf barbaadame uumamufi, dhaabata uumamee kanaan
akka jiraatu barbaachisaa ta’e argama. {Uma.1:27; 2:7)
Kunis Waaqayyoon
biyyoo lafaatti nama tolchee, hafuura jireenyaa itti godhu funyaan isaatti ni
baafate; akkasitti namni uumama lubbu qabaate jiraatu ta’e. jedhame akka
ibsametti; funyaan namaa irratti Waaqayyoon haafura waan baaseef, hafuurri
Waaqayyoo namni hafuura jireenyaa akka qabaatu isa dandesisee. (Uma.2:7;
Iyo.26:3, 4; Efe.4:24)
Kun jalqaba
Waaqayyoo irraa hafuurri namaaf darbe hafuura Waaqayyoo akkasumas immoo
namaaf hafuura lubbuu kan qabu ta’u isaa kan ibse; jireenya namummaa ክn
lubbuu kan ta’e kanuma. (Zak.12:1).
Jireenyi namummaa
kun ergamaan Paawloos fakki uumeen kan ta’e; “fakki qulqullumaa qajeelummaa”
jedhe yeroo ibsu ni argina. Efe.4:23, 24 walfakkaachuun maaliin; yoo jedhame;
1. Haalaan
walfakkaachuu;
Kunis
yaadaan, dubbachuun, lubbu jiraachuun walfakkaachuu dha. Haalli kunis
Waaqayyoon bara baraa hin uumamneen akkuma argametti hafuura namaa keessatis
akka argamu ta’eera.
2. Qajeelummaa
fi qulqullumaan walfakkaachuu
Waaqayyoon
qulqulluu akka ta’e hunda; hafuurri namaatiis qajeelummaa fi qulqullumaan
akka jiraatu fedha Waaqayyoo gaarumaatiin yaadamee uumamera.
3. Beekumsaa
fi dandetti, aangoon walfakkaachuu;
Waaqayyoo
biratti beekumsi fi dandeetti, aangoo,madaaluu fi KKF ... akkuma jirutti ta’e
hafuura namaa keessattis hamaa fi gaarii, qajeelummaa fi cubbuu, dhugaa fi
soba, qulqullumaa, haxxumaa, adda baase beekuudhaaf, hanga akka adda baase
beekutti; kan barbaachisu akka filatuu fi dandeetti fi aangoo raawachisummaa,
madaalees dandeetti murtii akka qabaatu ta’e uumameera.
4. Jireenyaan
wal fakkaachuu;
Waaqayyoon
onnee(lubbuu), jecha, Hafuura yoo qabaatu Onnen(Nabseen) jechaa fi Hafuura
malee, jechis onneefi hafuura, hafuurris onnee fi jecha malee jiraachuu isaa
akka hin ibsinetti (Haaf.32/33:6) namnis onnen isaa jechaa fi hafuura malee,
jechis onne fi hafuura, hafuurris onnee fi jecha malee hin argamu waan ta’eef
namni Waaqayyoo wantoota tartiibaan caqasaman hundaan ni fakkaata jedhame;
(Iyo.28:36; Fkn.10:12; Faar.138/139/:5; 14; Luq.10:27; Hoj.13:22; Fkn4:23).[6]
|
Akka walii galaatti namni foon isaa kan
dhiise, hafuura qofaa miti, haafuura ta’u isaatiniis Waaqummaa kan qabu miti
ykn Waaqayyoo kan ta’u miti. Namni yeroo hunduma nama; Waaqayyoonis yeroo
hundumaa Waaqayyoo dha. Jaalalli fi Ayyaanni Waaqayyoo Gooftaa keenyaa Yasuus
Kiristoos nu wajjin yaa ta’u. amen.
Itti fuufa …
[5] የመጽሐፍ ቅዱስ መዝገበ ቃላት፤
ገጽ.148
[6]
መሠረት ስብሐት ለአብ(አለቃ)፤
ሥላሴ በተዋሕዶ፤ 1988 ዓ.ም፤ አዲስ አበባ፤
አሳታሚ Mekane Yesus Seminary Theological Literature fund,(ገጽ.171-172)
No comments:
Post a Comment