Please read in PDF
Yoosef akka
namni isa ilaalutti hinjiraatu.osoo akka namni isa ilaalutti jiraate Yoosef
fedhinna isaa raawachuudhaaf haalli hundi isaaf mijaa’e jira.haalalummaa
raawachuuf isheen fedhinnaa niqabdi,namni isaan argu hinjiru,sireen tolfamee
miidhagee jira, … wanti hundi dhoksaadhaan raawatamuu ni danda’ama.kun hundi
garuu akka namaatti malee akka Waaqayyootti wanti dhoksaa ta’e hinmula’ane
tokkoleen hinjiru.isa duratti dukkani ifa dha.isa duraas fagaachunis ta’e
dhokachuun bakka inni hinjirretti jiraachuun
hindanda’amu.(Miil.7÷8,Faar.138÷12)
Qulqulluun Yoosef wanti hundi isaaf mija’a
ta’us; isheenis isa kadhachuu qofa osoo hintaane fiigdee “koottu ana wajjin
halaalummaa raawadhuu” jettee yemmuu qabdu “ani Waaqayyoo duratti akkamitti
cubbuu raawadha!?” jedhee huccuu harka isheetti dhiisee fiigaati ala
bahe.sababii kanaan sobaan himatamee mana hidhaa seene.bareedini fi
dargagummaan Yoosef kan barbaadame qulqulluumaafi osoo hintaane xuraawamudhaaf.
Hara’as bareedina ofiif barbaadu malee bareedini Waaqayyoof nama jedhu arguun
ni danda’amaa laata?! Biyyi lafaa tun dargagoota qulqullumaaf kan barbaadus
miti;humnaa fi sammuu isaani sababii adda addaatiin xureesuuf malee.